Booranatti ogeessonni gulukoosiin 'qeerransa du'a oolchan'

Gosa qeerransaa Afaan Ingiliziin 'Cheetah [chiitah]' jedhamuun beekamu hawaasni Booranaa 'qeerransa daalacha' jechuun waama.
Bakka adda addaatti ‘iyyaa’, fi maqaa biroonillee kan waaman jiru. Gosti bineensa kanaas gara caalu biyyoota Baha Afrikaatti argama. Fiigichaanis bineensi isaan qixxaatu hin argamne.
Gosa bineensotaa baduuf dhihaatan jedhamuun akka addunyaatti dhaabbatni eegumsa isaaniif falmulleen dhaabbatee kan jirudha.
Iddoowwan bineensi kuni itti argamu keessaa tokko ammoo Paarkii Biyyaalessa Booranaati.
Paarkii kana keessatti bineensi kuni akka argamu kunuunsitonniifi paarkichi beekanis ragaa qabatamaa suuraa fi vidiyoon waan hin argamneef ragaan isaa guutuu ta’e hin beekamu.
Hogganaan Paarkii Biyyaalessa Booranaa obbo Nugusee Waataas kanuma raga bahu.
Akka isaan jedhanitti bara darbeyyuu qorataan addunyaa beekamaan tokko qorannoof yeroo dhufetti yeroo dheeraa fudhatee bineensa kana soqaa turulleen argachuu hin dandeenye.
Taateen miilana Paarkii kana keessatti mudate garuu bineensi badiinsi itti qiyyaafate kuni paarkii kana keessatti akka argamu qabatamaan kan mul’ise ta’eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ALI Adoolessa 4, bara 2016 ganama konkolaataan Yaabeelloo irraa gara Koonsoo imalaa ture yeroo gara Paarkii kanaan darbutti qeerransa daalacha kanarratti miidhaa geessise.
“Bakka seensa paarkii biyyaalessa Booranaa irratti konkolaataan Yaabeelloo gara Koonsoo deemaa ture chitaa [qeerransa daalacha] ilmoolee afur waliin karaa qaxxaamuraa turterraan balaa geessise.
‘’Balaa kanaan ilmoon tokko battala duute. Tokkommoo miidhaaan irra gahe” jedhan Obbo Nuguseen.
Konkolaataan balaa kana geessise saffisaan miliqee waan deemeef hin to’atamne.
Balaa kanaan booda eegdonni paarkichaa bakkicha gahuun bineensa balaan irra gahe kana yaalaaf konkolaataan fudhuus himu.
Bineensa kana ‘’miidhaa cimaatu irra gahee ture. Soorata fudhachuu hin danda’u. Guyyootaf gulukoosiidhaan ture.
‘’Giddugala laaboraatorii BooranaatiI ogeessonni yaala gaarii gochaafii jiru” jedhan.
Bineensa balaadhaan miidhame kana Ogeessonni aadaas miila cabe hidhaniifii amma haala gaarirra jiraachuus dubbatu.
Balaan konkolaataa gahe kuni bineensi badiisatti dhihaate kuni Booranaa keessa jiraachuu nuuf mirkaneessee jira kan jedhan Obbo Nuguseen.
Haa ta’u malee, baay’ina bineensa kanaa paarkicha keessa jirus ta’e akka biyyaatti jirurratti garuu hanga ammaa ragaan guutuu ta’e qindaa’ee akka hin jirre himu.

Madda suuraa, Getty Images
Sababoonni ijoon bineensa saffisaa addunyaa ta’e kana sanyiinsaa gara baduutti akka deemu godhan keessaa ijoon saaxilamummaa bineensichaati jedhu.
''Leenci ni adamsa, waraabessi ni adamsa, ilmooleesaa allaattiin ni adamsu. Dhalli namaas sababoota amma ibsuun hin barbaachisneef jecha ni adamsu'' jedhan.
Qeerransa daalacha balaa konkolaataan miidhamee tumsa ogeessota fayyaa fi ogeessota aadaatiin lubbuun ooluu BBC’tti himani.
Yeroo ammaas soorata fudhachuu akka jalqabee fi fayyummaa gaarirra wanta jiruuf boodarra gara paarkichaatti akka deebifamus himan.
Hogganaan paarkichaa ogeessota yaala beelladaa laaboraatoorii Booranaa fi ogeessota aadaa qeerransa daalacha kana yaalanii fayyummaa isaa deebisuuf tumsan hundas galateeffatan.
Argamni isaanii Itoophiyaa, Somaaliilaand fi biyyoota Baha Afrikaa biroo kan ta'an gosti qeerransaa kuni daggalaa ukkaamfamanii biyyoota Arabaatti akka gurguraman ragaaleen ni mul'isu.












