Kuusaan marsariitiifi kitaabni tarree ogeeyyii dubartoota Itoophiyaa 200 qabu eebbifame

Waldaan Dubartootaa Ogeeyyii Miidiyaa Itoophiyaa dhaabbata Deeggarsa Miidiyaa Idil-Addunyaa (Fojo IMS) walin ta’uun, kuusaa marsariitii fi kitaaba tarree eksipartoota dubartoota 200 qabu ebbisiise.
Kuusaan marsariitii fi kitaabni ebbifaman kunneen dubartoota eksipartoota Itoophiyaa dameelee ogummaa garagaraa 18 irratti bobba’an 200 of keessatti kan qabatedha.
Walitti qabduu boordii Waldaa Dubartootaa Ogeeyyii Miidiyaa Itoophiyaa kan ta’an Ribqaa Taaddasa, “galmeen kun fakkii dubartootaa kan fooyyeessu fi gahumsa dhaabbilee miidiyaa fi ogeeyyii dabaluuf galtee kan ta’udha” jedhan.
Miidiyaaleef akka madda odeeffannooti gama tajaajiluun hirmaannaan dubartootni qaban dhibbeentaa 12 kan hin caalle akka ta’e kan eeran walitti qabduun boordichaa kun, ogeeyyiin miidiyaa dubartoota dameelee garagaraa irratti gahumsa qaban beekuu dhabuun akkasumas yoo beekanillee dubartoota kunneen argachuun rakkisaa ta’uun sababa adda durummaan eeramu ta’uu himan.
Kana malees fedhin dubartootni ogeeyyiin miidiyaalee irratti bahanii dubachuuf qaban gadi aanaa ta’uunsaas dhimma akka sababaatti ka’u akka ta’e Ribqaa Taaddasan himaniiru.
Kanaafis kuusaan marsariitii fi kitaabni ebbifaman ogeeyyiin miidiyaa dubartoota dameelee garagaraa irratti hubannoo fi beekumsa qaban salphaatti akka argatan kan taasisu ta’uu himan.
Dubartootni oduuwwan fi sagantaalee miidiyaa dhimmoota diinagdee, siyaasa, tekinoloojii fi dhimmoota biroo ilaalchisee qophaa’anif madda odeeffannoo akka ta’aniif carraa kan uumu akka ta’es himameera.
Dubartoota dameelee garagaraa irratti bobba’an…

Galmeen dubartoota ogeeyyii 200 ta’an of keessatti qabate kun maqaa hanga akaakayyuu ogeeyyota kunneenii, damee hojii irratti bobba’an, muuxxannoo qaban akkasumas lakkoofsa bilbilaafi teessoo imeelii isaanii kan qabudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartootni ogeeyyiin 200 ta’an kunneen dameelee akka qonnaafi bulchiinsa lafaa, diinagdee, barnoota, fayyaa, seera, mirgoota namoomaa, miidiyaa, hooggansa, faashinii, aartii fi dameelee hojii biroo irratti kan bobba’anidha.
Galmeen dubartootaa kun gaazexeessitoonni fi namootni damee miidiyaa irratti hojjetanfi kunneen biroof madda odeeffannoo ta’uun kan tajaajilu akka ta’e, sagantaa eebbaa magaalaa Finfinneetti raawwate irratti himameera.
Miseensa Boordii Waldaa Dubartootaa Ogeeyyii Miidiyaa Itoophiyaa kan ta’an Malkaamsaw Solomoonis, "galmeen kun yaada dhaabbilee miidiyaa keessatti wayita oduun ykn sagantaan tokko hojjetamuuf karoorfamu 'dubartootni ogeeyyiin yaada kennan hin jiran ykn dubartootni tole hin jedhan' jedhu furuuf kan qopheessinedha” jedhan.
Gaazexeessitootni yemmuu sagantaa hojjetaniif karoora qopheessan dhiirota qofa haasofsiisuurra dubartootas haasofsiisuun gama miidiyaatti akka fidan kan gargaaru akka ta’es himaniiru.
Dabalataan gara fulduraattis dubartootni ogeeyyiin dameelee garagaraa irratti bobba’an gara galmee kanaatti akka dabalamanis himaniiru.
Waa’ee Waldaa Dubartoota Ogeeyyii Miidiyaa Itoophiyaa
Erga hundeeffamee waggoota 24 kan lakkoofsise Waldaan Dubartootaa Ogeeyyii Miidiyaa Itoophiyaa, dandeettii dubartoota damee miidiyaa irratti bobba’an cimsuu fi bakka bu’iinsa dubartootni miidiyaa keessatti qaban guddisuu kaayyeffatee hundaa’e.
Waldaan ammatti miseensota 200 ta’an qabu kun, hirmaannaan gadi aanaa dubartootni damee miidiyaa keessatti qaban akka jijjiiramuuf hojjeta.
Kana malees loogii fi uwwisa xiqqaa dhimmootni dubartoota ilaallatan miidiyaa irratti argatan fooyyeessuunis dhimmoota ijoo waldichi irratti hojjetu keessatti argamu.
Gaheen murteessummaa dubartootni damee miidiyaa keessatti qaban akka fooyya’u hojjechuunis kaayyoowwan hundeeffama waldichaa keessaati.
Waldichi sababa seera waldaalee siivilii ilaalchisee bahee turen naannoo waggoota saddeetif sochiinsaa laafee akka tureefi waggoota lamaa as garuu dammaqinaan hojjechaa akka jiru miseensi boordii waldichaa Malkaamsaw Solomoon BBCtti himaniiru.












