Gaazaatti kanneen butaman akka gadhiifaman Israa'elitti namoonni kumaatamaan hiriira bahan

Hiriirtota Israa'el

Madda suuraa, Amir Levy

Maxxanfame

Israa'elitti namoonni kuma kurnaan lakkaa'aman lammiileen isaanii Gaazaatti butamanii jiran manatti haa deebi'an jechuun hiriira bahan. Kunis mariin dhukaasa dhaabuu yeroo adeemsifamuuf jirutti tahe.

Hiriirtonni Teel Aviiv, ''waraanni eebbifamaan hin jiru, jireenya malee,'' dhaadannoo jedhu dhageessiisaa, gariin isaanii Ministira Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu lola dheeressuun komatan.

Bakka buutonni Hamaas mariisiftoota Masriitti Sambata kalee arguun booda oduun kuni dhagahame.

Gareen mariisiftootaa garuu waan haaraa hin jiru jechuun Dilbata har'aa dubbataniiru.

Giddugaltummaa Masriifi Kataariin mariin Kaayirootti deebi'ee jalqabe Israa'el haleellaa Gaazaatti adeemsiftu yeroof akka dhaabduufi iddoosaa immoo lammiileen Gaazaatti butaman akka gadhiifaman gaafata.

Dhimmi ijoo marii kanaas waliigalteen yoo taasifame dhukaasaa dhaabbataan dhaabsisuu danda'aa kan jedhu.

Gorsaan hogganaa Hamaas Ismaa'el Haaniyaan gareen kuni yaada booda kana dhiyaate ''itti dhimmamee ilaalaa jira,'' jedhan.

Itti dabaluunis waliigalteen taasifamu Israa'el Gaazaa keessaa bahuufi waraana guutummaatti dhaabuu dabalachuu qabaata jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli mootummaa Israa'el maqaan hin eeramne,''Israa'el kanneen butaman baasuuf jecha qofa haalli waraana dhaabuuf waliigaltu hin jiraatu,'' jedhan

Kana malees,''Humni Waraanaa Israa'el Raafaa seenuun qubsuma waraanaa Hamaas ni barbadeessa - kuni lammiilee butaman baasuuf yeroof dhukaasa dhaabuun jiraates jiraachuu baates hin hafu,'' jedhaniiru.

Ministirri Mummee Israa'el Netaaniyaahuun waraanni yeroo dheeraa booda akka ittifufu gochuufi lammiileen Gaazaa miiliyoona 1.4 tahan gara kibbaa jiran gara kaabaatti godaanaa jiraachuun dhiibbaan itti jabaachaa jira.

Ameerikaan deeggarsa waraanaa Israa'eliif kennaa jirtuun boodatti harkifachaa jirti. Sababiinsaas lammiilee Filisxeem qe'eesaaniirraa buqqa'an gargaaruu irratti xiyyeeffachuuf waan karoorsiteefi.

Hiriirri Sanbataa kuni Netaaniyaahuun lammiilee Gaazaa jiran akka deebisiisan dhiibbaan itti cimuu kan agarsiise dha.

Kanneen yeroo waraanni jalqabe butaman 252 keessaa 128 ammallee haala maalirra akka jiran hin beekamu. Yoo xiqqaate 34 akka lubbuun darbetti amanama.

Naataalii Eldoor warreen hiriira bahan keessa yoo taatu,''warreen butaman hundaa deebisuu qabna, kan jiranis, kan du'anis. Isaaniin deebisuu qabna, mootummaa geeddaruu qabna,'' jetti.

Hiriirtota buufata waranaa Kiryaatti walitti qabaman keessaa Ministirri Mummee isaanii deeggarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuu fudhachuu dide jechuun yoo komatan, kaan ammoo waraanni akka dhaabbatu gaafataniiru.

Mariin dhukaasa dhaabuu ji'ootaaf adeemaa jiraatus Sadaasa darbeen asitti waraana dhaabuuttis tahe kanneen butaman gadhiisisuu irratti tarkaanfiin fudhatame hin jiru.

Warri marii miilanaa quba qaban, ammallee mariin kuni wal-xaxaa tahuufi murtoo hiika qaburra gahuuf ammallee guyyaa baayyee fudhata jedhan.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa kaabni Gaazaa ''beela'' keessa jirti jechuun akeekkachiiseera.

Waraanni Onkololeessa 7 yeroo hidhattoonni Hamaas daangaa Isaraa'el seenuun namoota 1,200 ajjeesaniifi namoota 250 butan jalqabe. Gareen kuni biyyoota Lixaa baayyee shororkeessummaan labsameera.

Haleellaa boodarra Israa'el fudhataa jirtuun Gaazaa keessatti namoonni 34,600 yoo ajjeefaman, 77,900 madaa'aniiru jedha ministirri fayyaas Hamaasiin hogganamu.