Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Siitiin waancaa Karabawoon ala tahe, taphoonni kaan akkam turan?
Maanchister Siitiin Niwkaastiliin mo'amee dorgommii waancaa Kaarabawoo keessaa bahe.
Maanchister Siitiin galchii 1 fi 0'n mo'amuun doirgommichaan ala tahe. Gareen Edii Haaw, Niwkaastil, Kiristaal Paalaasiin 3 fi 0'n kan mo'ate Maanchister Yuunaayitid waliin taphata.
Arsenaal dirree isaan ala imalee Bireentifoordiin galchii 1 fi 0'n mo'ate. Tapha marsaa arfaffaan darbii Landaniin West Haamiin kan morkatu taha.
West Haam kilaba bara kana Piriimer Liigiitti guddate Sheefildi Yuunaayitidiin mo'achuun darbe.
Liiverpuul galchii 1 fi 0'n dursamuu irraa ka'ee 3 fi 1'n Leester Siitii mo'ate.
Doominik Sooboslaay goolii akkaan bareedduu yoo lakkoofsisu, Diyeegoo Jootaan galchii miidhagduu biraa lakkoofsisuun injifatan.
Sooboslaay taphaan booda ''galchii addaati, yoo galchii ajaa'ibsiisa jedhame hin beeku, garuu galchiiwwan babbareedoo lakkoofsisaa ture keessaa tokkodha,'' jedhe.
Jargan Kilooppi ''daqiiqaa jalqaba shaakala hojjechuu jalqabe irraa eegalee taphataa addaa tahuu isaan beeka. Ani kubba kana dhahi, yeroo akkasiitti yaali isa hin jedhu, bakka kamirraa dhiituu akka qabu inniyyuu ana caalaa waan beekuuf,'' jedhan.
Tapha marsaa itti aanuun dirree isaan ala Barnimaawuz waliin kan taphatu taha.
Waggaa tokko keessatti gatii waliigalaa gara biliyoona tokkotti siqu baasuun taphattoota haaraa hedduu kan mallattesise Cheelsiin Biraayitaniin 1 fi 0'n mo'ate.
Cheelsiin Bilaakbarni waliin taphata. Everteen galchii 2 fi 1'n Aston Viilaa mo'achuun darbe. Kun Everteeniif injifannoo guddaadha.
Xiqqumaaf Piriimer Liigii keessatti kan hafe Everteen miira injifannootti deebi'aa jira.
Torban darbe kana Bireentifoordiin mo'achuun qabxi sadii jalqabaa bara dorgommii kanaas argateera.
Oduu biraan Riyaal Maadirid leenjisaa Biraayitan, Roobertoo Dizerbii qacaruu akka barbaadu gabaafame. Riyaal Maadirid ganna dhufu bakka Kaarloo Anchelootii leenjisaa haaraa qacaruuf barbaaduu jalqabeera.
Anchelootiin leenjisaa garee biyyaalessaa Biraazil tahuuf waliigalaniiru jedhama.
Bakka isaanii Biraayitan keessatti hojii dinqisiisaa hojjechaa kan jiran Roobertoo Dizerbii bakka buusuu barbaadu.
Dabalataan taphataa isaanii duraanii Zhaavii Aloonsoo filannoo biraa akka taasifatan himamaa jira.
Aloonsoon kilaba biyya Jaman Baayern Liiverkusan leenjisaa jira. Aloonsoon kilaba isaa kana dorgomaa cimaa taasisaa jira.
Oduu biraan Viktar Osimeen erga kilabni isaa Naapooliin irratti baace jedhamee booda kaleessa galgala galchii lakkoofsiseera.
Tapha Naappooliin galchii 4 fi 1'n Yuudiniizee mo'ate irrati galchii takko lakkoofsise.
Torban darbe tapha Bolonyaa waliin taphatanii qixa bahan irratti rukuttaa peenaaliitii dhabe. Leenjisaanis jijjiiree baasnaan miira aarii keessa galee ture.
Kilabni isaa Naappooliin fuula Tiktookii irratti waan haamilee isaa tuqu erga maxxansee booda bakka bu'aan taphatichaa himata banuuf akka jedhu ibsee ture.
Garuu kaleessa waldhabdee isaanii akkuma jirutti tahee hiriiree taphachuun galchii lakkoofsiseera.
Viiktar Ossimeen bara darbe Serie A Xaaliyaanii keessaa galchii lakkoofsisuun tokkooffaan xumure. Naappooliin waggoota 33 booda akka waancaa Iskudeto mo'atus gargaareera.