Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Tigraay weerara Awwaannisaaf birmannaa hawaasa addunyaa gaafate
Pireezdaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Redaa weerara awwaannisaa naannoo isaanii mudateef hawaasa addunyaa birmannaa gaafatan.
Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Tigraay yaada BBC'f kenneen godinaalee sadii keessatti weerarri mudate balaa hamaa geessisaa jira.
Pireezidantiin naannichaa obbo Getaachew Redaa yaada tiwiitara gubbaatti qoodaniin''Ummanni Tigraay, hiriyyoonni, mootummaan federaalaa fi hawaasni addunyaa balaa guddaa kana qolachuuf waan danda’an hunda akka godhan waamichan dhiheessa'' jedhan.
Obbo Getaachoon seenaa dhiyoo naannichaa keessatti weerarri awwaannisaa kun isa hammaataa ta'uu akka hin oollee himan.
Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Bulchiinsa Yeroo Tigraayitti itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa obbo Mikaa’el Miruut BBC Tigrinyaatti akka himanitti, weerarri kun Godinaalee sadii Godina Bahaa, Kibbaa fi Kibba Bahaa keessattis miidhaa geessisaa jira.
''Weerarri kun Adoolessaa 20 irraa eegalee Godina Bahaa aanaa Atsbi Wenberta keessatti mul’ate'' jedhan.
Amma midhaan lafa bal'aa irratti miidhaa geessisaa jiraa kan jedhan qonaalli kun, ''miidhaa hanga ammaatti mudate adda baasuuf qorannoon barbaachisaadha'' jedhan.
Weerarri kun kanaan dura aanaalee Atsbi Wenberta, Kilte-Awlaaloo, Sewha-Sa'si fi Endertaa keessatti mul'ateera jedhan.
Godina Bahaa keessa aanaalee sagal, Godinaalee kaan lama keessaa ammoo aanaalee jaha keessatti miidhaa geessisaa jira jedhaniiru obbo Mikaa'eel.
Bakka Bu'ootni uummataa Bulchiinsa Yeroo Tigraay walgahii hatattamaa ALI Adoolessa 22, 2015 gaggeessaniin weerara awwaannisaa aanaalee daangaa godina Affaaritti mudate to'achuuf 'task force' hundeessuuf murtee dabarseera.
Weerarri kun waggoota sadii duras naannoo Tigraay fi Affaaritti mudatee midhaan irratti miidhaa guddaa geessiseera.
Awwaannisni kun kallattii lama, jechuunis Bahaa fi Kibba irraa gara naannicha seenaa jiraa jedhu qandaalli naannichaa.
Mootummaan naannolee rakkoon kun mudatetti mala keemikaalaa fi aadaatiin ofirraa ittisuuf qophiin taasifamuu Biiroon Qonnaa beeksiseera.
Mootummaa federaalaa fi naannoo Affaar waliin ta'uun tumsi eegalamee ture kan jedhan obbo Mikaa'eel, qondaaltonni mootummaa mariidhaaf gara magaala Maqalee imalanii akka turan ibsaniiru.
Haa ta'u malee hanga ammaatti mootummaa Federaalaa irraa gargaarsi tokkollee akka hin argamne himaniiru.
Ka'umsa weerara kanaa kan ta'e, naannoo Affaar, keessatti keemikaalli farra awwaannisaa xiyyaaraan akka raawwatamu hojjetamaa akka jirus ibsan.