Barbaraan biyyoota Sahaaraa gadii keessatti buufata doonii isa filatamaa bara 2023 jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Addunyaa sadarkaa madaallii gahumsaa buufataalee doonii addunyaa bara 2023 ifa godheen buufatni doonii Barbaraa biyyoota Sahaaraa gadii keessaa adda duree ta'e.
Baankiin Addunyaa gabaasa Container Port Performance Index kan bara 2023 wayita ifa godhu buufataalee doonii addunyaarra jiran 405 gamaaggameera.
Sadarkaan garee geejjibaa World Bank Group hojjetame kun waggaa arfaffaaf maxxanfame.
Dhaabbatichi sadarkaa buufatalee doonii konteenara qubsiisanii kan hojjete tajaajila si'ataa isaan kennan irratti xiinxala hojjeteen akka ta'e ibseera. Keessumaa ammoo turtiin dooniiwwan konteenara baatan buufata doonii turan irratti hundaa'a.
Akka gabaasa kanaatti addunyaarratti tajaajila si'ataa kennuun buufatni filatamaa ta'e kan Chaayinaatti argamu Yaangishaani. Lammaffaan ammoo buufata doonii Omaanitti argamu Salalaah jedhamuudha. Buufatootni doonii konteenaraa lamaan sadarkaa isa bara 2022 irrattis tokkoffaafi lammaffaa turan.
Buufataaleen doonii sadarkaa hanga 10 qabatan irra hedduun isaanii Ezhiyaa keessa kan jiran yoo ta'u, buufatni Doonii Morookoo TANGER-MEDITERRANEAN jedhamu bara walitti aanu lamaaf sadarkaa arfaffaa qabateera. Afrika keessaas isa guddicha fi filatamaadha.
Biyyoota Sahaara gadii keessaa ammoo waliigaltee Itoophiyaa waliin ulaa galaanaa ilaalchisee galteen mata duree oduu addunyaa tatee kan jirtu Somaalilaandiin kan bulu buufatni doonii Barbaraa adda duree ta'eera.
Buufatni doonii Barbaraa galoo galaana Eden irra kan jiru yoo ta'u bara 2021tti piroojektii babal'isuu guddaa doolaara miiliyoona dhibbaan lakkaa'amu hojiirra oolchuu eegale.
Buufatni kun hojii babal'isuu hojjeteen hamma konteenaraa waggaatti simatu 150,000 gara 500,000 ol guddisuu danda'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidantiin Somaalilaand Musaa Bihii Abdii bara 2021tti hojiin tarminaala babal'isuu wayita hojjetamu buufatni kun ''irra jireessan biyyoota ulaa galaanaa hin qabne keessumaa Itoophiyaaf fayidaa guddaa qaba'' jechuun VOAtti himanii turan.
Barbaraan buuftaalee doonii Baha Afrikaatti argaman Jibuutii, Moqaadishoo, Mombaasaa fi Daareeslaam irra aaneera.
Barbaraan buufatalee addunyaa gurguddoo jedhamanii sadarkaan baheef 405 keessaa 106 irra taa'eera. Bara 2022 sadarkaa baheen 144ffaarra ture.
Buufatni Doonii Momaabsaa Keeniyaa jiru sadrkaa 328ffaarra kaahame. Buufatni Daaresalaam sadarkaa 367ffaa kaahameera. Bara 2022 sadarkaa baheen 26ffaarra kan ture buufatni doonii Jibuutii gara 379 gadi bu'eera.
Rippaablikni Jibuutii bara tokkotti sadarkaa hanga kanaa gadi bu'eera jedhamee gabaasa maxxanfame fudhatama dhabsiistetti.
''Rippaablikni Jibuutii gabaasa kana cimsee fudhatama dhabsiisa. Biyya keenyaafi buufata keenyas ni miidha'' jedha ibsi mootummaan baase.
Ammoo muddma sadarkaa idila addunyaattii jirurraa kana ka'e bara 2024 keessa hojimaata isaarratti rakkoon isa mudachuu ibse.
Jibuutiin gabaasa bara 2022 irratti biyyoota Sahaaraa gadii keessaa adda duree turte.
Baankiin Addunya kayyoon sadarkaa kana waggaa waggaan baasuu qaawwa buufataaleen doonii qaban ifa gochuun qaamoleen sirna geejiba galaanaa fi al ergiifi bittaarratti bobba'an martii irraa akka fayyadaman gochuu akka ta'e ibseera.
Qaamolee dhimma kana irratti hojetan marti gabaasa kana akka galteetti fayyadamuun akka murteessan gargaaruuf ta'uus ibseera.
Geejibni galaanarraa daldala idila addunyaa sadarkaa olaanaan jijjiireera jedhamee amanama. Akka gabaasa Baankii Addunyaatti geejibni galaanarraa wantoota baayyee qusachuun imala lafa fagoof mala geejibaa amanamaadha jedha.
Daldala idila-addunyaa keessaa dhibbeentaan 80 kan geejibsiifamus galaanarra imala jedha. Omishaalee daldalaa keessaa dhibbeentan 35 ammoo konteenaraan geejibamaa jedha.












