Suuraalee kabaja ayyaana Iid al -Faxir Muslimoota addunyaa

Maxxanfame

Hordoftoonni amantaa Islaamaa addunyaa, dhuma ji'a qulqulluu Ramadan agarsiisuuf, ayyaana Iid al-Faxir kabajuutti jiru.

Magaalaa guddoo Afgaanistaan namoonni lama kadhanna dura nagaa wayita wal gaafatan

Madda suuraa, Samiullah Popal / EPA-EFE

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa guddoo Afgaanistaan, Kaabulitti namoonni lama kadhanna dura nagaa wayita wal gaafatan
Lammileen Afgaan masjiida  alatti  magaalaa Kaabuliitti wayita kadhatan

Madda suuraa, Samiullah Popal / EPA-EFE

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Afgaan masjiida magaalaa Kaabul fulduratti wayita kadhatan
Dubartii Paalestaayin  masjiida al-Aqsatti Baha Yerusaalemitti argamutti suura of kaastu, Bakki kun  amantii Islaamaa keessatti bakka qulqulluu isa sadaffaadha.

Madda suuraa, Jamal Awad / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Paalestaayin masjiida al-Aqsaa Baha Yerusaalemitti argamutti suura ofee (selfie) of kaasti. Bakki kun amantii Islaamaa keessatti bakka qulqulluu isa sadaffaadha.
Muslimoota kadhannaaf masjiida Bajraki wirtuu Beelgireed, Sarbiyaatti walitti qabaman

Madda suuraa, Marko Djurica / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Muslimoota kadhannaaf masjiida Bajrakli wirtuu Beelgireed, Sarbiyaatti walitti qabaman
Masrii masjiida El-Seddiq duratti  kadhannaa booda hafuuffeewwan(balloon) qilleensatti wayita gadhiifamu

Madda suuraa, Mohamed Abd El Ghany / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masrii masjiida El-Seddiq fulduratti kadhannaa booda hafuuffeewwan(balloon) qilleensatti gadhiifamaniiru
Qataar istaadiyeemii  taphni Waancaa Addunyaa harki caalu   bara darbe keessatti gaggeeffametti  namoonni wayita kadhatan

Madda suuraa, Imad Creidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qataar istaadiyeemii taphni Waancaa Addunyaa harki caalu itti gaggaggeefame keessatti amantoonni wayita kadhatan
Kabaja ayyaana Iid al-Faxiir Awustiraaliyaa

Madda suuraa, FLAVIO BRANCALEONE / EPA-EFE

Ibsa waa'ee suuraa, Awustiraaliyaa, magaalaa Sidniitti, amantoonni Masjiida Lakembaa keessatti kadhanna gaggeessan
Albaaniyaa, addabaabayii Iskaanderber Tiranaatti argamutti  namoonni kumaataman lakkaa'aman walitti qabaman

Madda suuraa, Florion Goga / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Albaaniyaa, Tiranaatti namoonni kumaataman lakkaa'aman addabaabayii Iskaanderberitti walitti qabaman
Tarkii masjiida guddicha Istaanbul Hagiyaa Sofiyaa duratti maatiin walitti suura  ka'an

Madda suuraa, Erdem Sahine /EPA-EFE/

Ibsa waa'ee suuraa, Tarkii, magaalaa Istaanbulitti masjiida guddicha Hagiyaa Sofiyaa fulduratti maatii waliin suura ka'an
Kirgistaan, Bishkek duratti  hawaasni Kirigiz ayyaana Iid-al fixir irratti wayita kadhatan

Madda suuraa, Igor Kovalenko / EPA-EFE

Ibsa waa'ee suuraa, Kirgistaan, Bishkek duratti hawaasni Kirigiz ayyaana Iid-al fixir irratti wayita kadhatan
Paalistenoonni  ganama ayyaana Iid-al fixir ayyanaaneffachuuf Kibba Gaazaatti kadhatan

Madda suuraa, Ibraheem Abu Mustafa / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Paalistenoonni ganama ayyaana Iid-al fixir ayyanaaneffachuuf Kibba Gaazaatti kadhatan