Filannoo Yugaandaa booda Boobii Waayin lubbuusaaf akka sodaatu ibse

Hidhattoonni qe'ee Boobii Waayin marsan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Mormituu gameessi Yugaandaa Boobii Waayin filannoo Pirezidaanti Yuweerii Museveenii marsaa ja'affaaf mo'atan kuffisan, lubbuusaaniif akka sodaatanis himan.

Filannochi akka Museveeniin jedhan haqa qabeessa osoo hin taane sadarkaa filannootiin gadi kan ta'ee fi bu'aansaas kan wal-dhaheedha jedhan qondaalli siyaasaa kun.

Filannoon Yugaandaa duula na filadhaarraa eegalee jeequmsaan kan guutamee fi namoonni hedduun kan irratti du'an ture.

Filannocha dursuun mootummaan interneetii cufee ture, tarkaanfiin kun qaamolee filannocha hordofaniin daran qeeqame.

Ga'eessi umrii waggaa 38 Boobii Waayin akka doorsifamaa jiruu fi maatii fi mataasaaf akka sodaatu dubbate.

Mannisaa hidhattoota mootummaan marsamee akka jiru kan hime Boobii Waayin, manaallee gadi ba'uu akka hin dandeenye hime.

Boobii Waayin dhaloota ammaa akka bakka bu'utti hima

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Boobii Waayin dhaloota ammaa akka bakka bu'utti hima

"Namni kamuu mana keenya seenee ba'uu hin danda'u. Gaazexeessitoonni biyya keessaa fi biyya alaas anaan argachuuf hin dandeenye," jedhe.

Gara fuulduraattis akka duraanii uummanni akka hiriira ba'u waamuu osoo hin taane, karaa nagaan deemuuf yaada akka qaban himan.

Garuu akkuma interneetiin deebi'een daba hojjetamaa ture ragaa viidiyoon deggeranii akka gadi dhiisanis waadaa galaniiru.