Sanyummaa Gurraachotaa: Seenaatarri Ameerikaa gabrummaan 'hamaa tahus barbaachisaa ture' jedhan

Maxxanfame

Seenaatarri kutaa biyyaa Arkaansaas ''gabrummaan hammina barbaachisaa ummatni Ameerikaa irratti ijaaramedha,'' jedhan.

Af-gaaffii gaazexaa naannoo waliin taasisaniin miseensi paartii Riippablikaanaa Toom Kootan yaada Ameerikaan biyya sirna sanyummaan sochootudha jedhu hin fudhadhu jedhaniiru.

Toom qarshii federaalaa piroojektii akkatti seenaan sirna gabrummaa ilaalame foyyessuuf gaazexaa Niiw Yoork Taayimsiin hojjetamaa jiru, seera dhorku baasuuf hojjechaa jiru.

Hundeessaan piroojektichaa haasaan seenaatarichaa akka isaan mufachiise dubbataniiru.

Erga namni gurraachi Joorji Filooyiid poolisiin ajjeefamee booda Ameerikaatti mormiin bal'aa adeemsifamaa yeroo jiru kanattidha seenaatarichi haasaa kana kan taasisan.

Toom mormiiwwan magaalawwan Ameerikaa garaagaraatti adeemsifaman ''warra hokkora jaalatutu' kana godha jechuun gaazexaa Niiw Yoork Taayims irratti barreessaniiru.

Barreeffamichi bal'inaan kan qeeqame yoo tahu akka hin maxxanfamne illee hojjettoonni dhaabbatichaa 800 mallatteessanii turan

Gaazexichi illee boodarra qajeelfama hojimaata dhaabbata koo kan hin eegne ture jechuun dhiifama gaafateera.

Seenaatarichi maal jedhan?

Seenaatarichi,''seenaa gabrummaa qorachuun shooraafi dhiibbaa inni guddina biyya kanaarratti qabu baruu qabna, yoo tahuu baate biyya kana hubachuu hin dandeenyu jedhan.

''Akkuma abbooliin biyya kana hundeessan jedhan hammeenya barbaachisaa tokkummaan biyya kanaa irratti ijaaramedha,'' jedhaniiru.

Kamisa darbe Seenaatar Toom Kootan wixinee seeraa ''Seenaa Ameerikaa baraaruu,'' jedhu kan qarshii seenaa gabrummaa Ameerikaa barsiisuuf bahe dhorku qopheessaa jiru.

Piroojektiin seenaa gabrummaa Ameerikaa barsiisuuf yaadame kun badhaasa Pultiizar argatus warreen Seenaatara Kootanfaa deeggara ololadha jedhu.

''Piroojektiin Ameerikaan sirna gabrummaan ijaarmte jechuun ka'e dogoggoraafi kan abdii hin qabnedha,'' jedhan Toom.

''Ameerikaan biyya guddoo qajeelfama namni hundi wal-qixa jedhurratti dhaabbattedha. Hanga jedhame geenyee argamuuf immoo yeroo hunda qabsaa'aa jirras,'' jedhaniiru.

Hoggantuun piroojektiichaa Haannaa Joons gabrummaa sirrii ture jechuuf waan amma irra jirutu akka sababaatti kaa'ama sababii akkasii waan hundaaf fayyadamuu dandeessa jetti.