Haleellaa lotoonni Eertiraa Shiraarootti raawwataniin lubbuun namaa darbe, hedduun miidhaman

Maxxanfame

Guyyoota dhumaa torbee darbee irratti haleellaa loltoonni Eertiraa magaalaa Shiraaroo keessatti raawwataniin ol-adeemtuun umrii waggaa 14 ajjeefamuu fi namoonni 18 ammoo madaa'uu Rooyitarsi gabaase.

Maddi oduu kun, ragaa jaarmiyaalee mirga namoomaan qindaa'ee harka UN jiru irraa odeeffannoo argadhe jechuun akka gabaasetti, loltoonni Eertiraa yoo xiqqaate yeroo 23 meeshaalee waraanaa gurguddoodhaan gara magaalaa Shiraarootti dhukaasaniiru jedhe.

Haleellaa loltoonni kunneen Sambataa fi Dilbata (ALI Caamsaa 20 fi 21, 2014) raawwataniin manni barumsaa namoonni qe'eesaaniirraa buqqa'an keessa qubatanii jiran haleelamuu Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti eereera.

Magaalaan meeshaalee waraanaa gurguddaan haleelamteetti jedhamte kun daangaa Eertiraa irraa fageenya kiilomeetira 11 irratti argamti.

Gama kaaniin humnooti TPLF guyyoota lamaan darbanitti humnoota biyya ollaa, Eritiraa, waliin waraana adeemsisuu qondaalli olaanaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.

Obbo Geetaachoon fuula Tiwiitar isaanii irratti Caamsaa 22/2014 A.L.I Wiixata gara galgalaa akka ibsanitti Sanbattan darbe jechuunis Caamsaa 20 fi 21, 2014 A.L.I waraanni Eritiraa Shiraarotti humnoota Tigraay irratti haleellaa banee ture.

Dubbii-himaan mootummaa federaalaa Dr Laggasa Tulluu himannaa Obbo Geetaachoo kana ilaalchisee BBCtti akka himanitti ''TPLF ofii qoccollaa raawwatee,'' himannaa dhageessisaa jiraachuu akka danda'u himan.

Obbo Geetaachoon Tiwiitarii isaanii irratti wal-waraansa Sanbataafi Dilbata mudateen guyyaa afur dura, gaafa Caamsaa, 16, 2014 A.L.I kutaan waraanaa Ertiraa 57ffaa fi 21ffaa naannoo Tigraayi irratti haleellaa raawwatee akka tureefi naannoo Addi-awaalaa jedhamutti humnoonni TPLF haleellaa kana akka ofirraa qolatan ibsaniiru.

Waraana humnoonni TPLF haleellaa ofirraa qolannaa raawwatan jedhaniin, loltoonni Ertiraa lakkoofsaan eeruun ajjeefamuu, madaa'uu fi meeshaan waraanaa 'baayyeen' booji'amuus himaniiru.

Dubbii-himaan mootummaa federaalaa, Dr Laggasa Tulluu deebii kennaniin, akka jedhametti yeroo ammaa, ''karaa Ertiraa waraanni banameera amantii jedhu hin qabnu,'' jechuun waan dhalate yoo jiraates qulqulleefatanii odeeffannoo akka kennan himan.

Dr Laggasa dabaluunis humnoonni TPLF waraanaaf qophaa'aa jiraachuu isaanii eeruun, ''kanaaf akka isaaniitti toluuf humnoota Ertiraa irratti qoccollaa raawwatanii kara Ertiraa deebiin kennameefii tahuu mala,'' jechuun tilmaama isaanii ibsaniiru.

Obbo Geetaachoon tiwiitarii isaaniirratti humnoonni Eertiraa ''naannawa kana gara waraana dhaabsisuun ulfaatuutti geeddaruuf,'' jechuun wayita himatan, ''kunis adeemsa nagaa buusuuf taasifamu akkaan kan gufachiisuudha,'' jedhan.

Gama Eertiraan himata irratti dhiyaate kanarratti hanga ammaa deebiin kenname hin jiru, dabalataan waraanni banameera dhimma jedhurratti qama wallaba ta'erraa qulqulleeffachuun hin danda'amne.

Bitootessa darbe mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf haala mijeesuuf jecha waraana dhaabuuf murteessuu hordofee tarkaanfii walfakkaataa warri TPLF fudhatan booda waraanni haga tokko dhaabbatee ture.

Haata'u malee ji'a Eblaa irraa eegalee daangaa Eertiraa fi Itoophiyaarratti haleellaan jiraachuun himamaa ture.

Darbee darbee haleellaan meeshaalee waraanaa gurguddaan raawwatamuu gabaafamaa ture.

ALI Ebla 30, 2014 humnoonni Tigraay fi Eertiraa bakkeewwan daangaarra jiran irratti walhaleeluusaanii madden BBC'f amanamoo ta'an bakkicharraa himaniiru.

Humnoonni lameen meeshaalee waraanaa gurguddaan haleellaa walirratti banuu maddeen amanamoo kunneenirraa qulqulleeffanneerra.

Haleellaan kan raawwate bakkeewwan Raamaa fi Dimmaa jedhamanitti loltoota Eertiraa irratti yoo ta'u, haleellaa kana hordofee humnoonni Eertiraa fi TPLF walitti dhukaasaa turan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa wagga tokkoo fi walakkaa oliif ture keesatti loltoonni Eertiraa hirmaataa kan turan yoo ta'u, jalqabbii waraanichaa irratti humnoonni Tigraay deddeebi'anii haleellaa rookeetii Eertiraa irratti raawwachaa turan.

Humnoonni Tigraay waraana Itoophiyaa ajaja Kaabaa irratti haleellaa raawwachuu hordofee waraanni baname gara naannolee olla Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun namoota heddu miidheera.

Mootummaa federaalaa fi humnoota mootummoota naannolee waliin walqoollifannaa keessa kan jiru TPLF, deeggarsi gufuu tokko malee akka namoota rakkatan bira ga'uuf waraana dhaabuu murteessanis, garuu waraanicha yeroo ta'etti deebi'ee ka'uu danda'a sodaan jedhu ammallee jira.