Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa - Yukireen: Dippilomaasii qofaatu waraana Yukireen fura - Zeleniskii
Waraanni ammaan tana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru furamu kan danda'u karaa ''dippilomaasii'' qofaan jedhan, pirezidaant Volodmiir Zelenskiin.
Zeleniskiin haasaa TV biyyaaleessaa irratti taasisaniin, biyyi isaanii dirree waraanaatti Raashiyaa injifachuu amma dandeessus kaasan.
Haata'u malee, waraanichi dhuma argachuu kan danda'u karaa ''mariitiin qofaadha'' jedhan.
Wayita ammaa kanattis yaalii Raashiyaan bulchiinsa Luhaansk guutummaan to'achuuf taasiftuun naannawa Severodonesk keessaatti lola cimaatu gaggeeffamaa jira.
Magaalaa buufata kaabaa kan taate Maariyuupool keessatti waraana dhaabuun loltoonni Raashiyaa akka waraana cimsaniifi deebisanii akka humna bobbaasaniif dandeessise.
Bulchaan naannichaa Serhiiy Hayidaay, loltoonni Raashiyaa akkuma wal jalaan Severodonesk marsaa jiraniin magaalattii ''barbadeessaa'' jiru jedhan.
Bulchaan kun ergaa karaa Telegiraamitiin barreessaniin, loltoonni Yukireen adda waraanaarratti haleellaawwan 11 qolataniiru.
Kanaanis taankiiwwan Raashiyaa saddeeti barbadaa'aniiru. Garuu ammoo kun madda walabaa irraa hin mirkanoofne.
Gabaasaan BBC Jeems Waatarhaawus, Raashiyaan haleellaa qilleensaa, dhukaasa meeshaalee gurguddaa fi misaa'eelootaa itti cimsitee jirti jedhe.
Zelenskiin haasaa TV gubbaa taasisaniin, waraanichi ''baay'ee hamaa ta'u danda'a, lolli gaggeeffamu mala garuu dirqama dhaabachuu kan danda'u karaa dippilomaasii qofaan,'' jedhan.
Haata'u malee, sababii gama lamaaninuu waliigaluu barbaachisuuf kunis salphaa akka hin taane dubbatan.
Guyyaa Kibxata darbe ammoo namai Yukireen bakka bu'anii marii gaggeessan Mykhaylo Podolyak mariin dhaabbachu himanii turan.
Guyyaa ittaanu ammoo dubbii himaan Kiremiliin Dimitrii Peskoov, aanga'oonni Kiyiiv waldhabdee dhaabuuf marii itti fufuu hin barbaadan jechuun himatan.
Eejansiin oduu Raashiyaa ammoo marii dhumaa gara baatii tokkoon dura Ebla 22 gaggeeffamu gabaase.
Waraanicha dhaabuuf mallattoon homtuu waan hin jirreef US deeggarsa waraanaa, diinagdee fi namoomaa dabalataa ergaa jirti.
Guyyaa Sambataa pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yukireeniif deeggarsa gara doolaara biliyoona 40 ta'u kennuuf mallatteessuu Waayit Hawuus himee ture.
Maallaqni amma mallattaa'e kunis deeggarsa erga Raashiyaan Guraandhala keessa weerarichi eegalteen as sagantaa deeggarsaa isa olaanaadha jedhameera.
Deeggarsi kunis baatiiwwan ittaanan shaniif Yukireeniin kan gargaaru ta'a. Isa keessaa doolaarri biiliyoona 6 konkolaataawwan waraanaafi ittisa qilleensaaf kan ooludha.
Pirezidanti Zeleniskiinis galata isaanii karaa tiwitaraatiin, ''deeggarsi waraanaa kan yeroo kamuu caalaa barbaachisuudha'' jechuun galateeffatan.
Raashiyaan lammiilee Ameerikaa 900 Raashiyaa akka hin seenneef gaafa Sambataa beeksiste keessaa tokko Pirezidant Baayidan ta'un barameera.
Tarreen qondaaltota Ameerikaa Raashiyaan dhorkite Ministira Dhimma Alaa Antoonii Bilinkan, Hogganaa CIA Wiiliyaam Barnis fi miseensota Kongirasii dhiibbaan lakkaa'amanidha.
Gama biraatiniis, Raashiyaan boba'aa Finlaanditti ergitu irraa dhaabdeetti. Kunis erga gaaffii Raashiyaan gatii boba'aa akka maallaqa biyyashee ruubilsiin akka kanfaltuuf dhiyeessite diddeen booda ture.