Dibaabeen rooba dhowwuu dadhabe ummata Chaayinaa boochise

Dibaabee ''aduuf'' dhaabbata Gucci fi Adidaasiin gurguramaa jiran

Madda suuraa, Gucci

Ibsa waa'ee suuraa, Dibaabee ''aduuf'' dhaabbata Gucci fi Adidaasiin gurguramaa jiran
    • Barreessaa, Anaabeelle Liyaangiin
    • Gahee, Business reporter
  • Maxxanfame

Dibaabeen dhaabbilee lixaan Chaayinaa keessatti qarshii guddaan gurguramu roobumallee ittisuu dadhabe jedhanii ummanni Chaayinaa boo'aa jira.

Gatiin biraandii Gucci fi Adidas jedhaman tokkoon isaa yuwaanii Chaayinaa 11,100 (£1,329) yookiin birrii Itoophiyaa kuma saddeettamaa ol gurguramaa jira.

Kanas komachuun lammileen Chaayinaa miidiyaa hawaasummaa Weibo gubbaa waa'ee isaa haasa'aa jiru.

Kan ijoo dubbii ta'emmoo biraandiin Gucci websaayitii isaa irratti ''innoo kan rooba ittisu osoo hin taane bareedinaaf yookiin aduu ofirraa ittisuuf tolfame,'' erga jedheeti.

Dibaabeen kuni yeroo ammaa onlaayinii gubbaa beeksisarra kan jiru yoo ta'u baatii dhufu gabaarra oola jedhameera.

Haashtaagiin Weibo gubbaa ''Dibaabeen yuwaanii 11,100 gurguramu bishaanumallee ofirraa hin dhorku'' jedhu yoonaa miiliyoona 140 ol daawwatameera.

Fayyadamaan tokko dibaabee kanaan ''guddaa garuummoo faashinii gatiin hin qabne,'' jedhe.

''Waan hiyyeessa ta'eef akkan bituuf na hin gowwomsani,'' jechun nami biraa barreesse.

Kaanimmoo ammallee oomishi kuni gaaruma jechuun ibsan.

''Kanneen kanfaluu barbaadan meeshaa qaalii kana bitanii ittiin of agarsiisuu danda'u,'' jechuun kaan barreesse. ''Waan sirrii ta'uufi dhabuun isaa isaan hin yaaddessu.''

Dhimma kana irratti akka dubbatan gaaffii BBC irraa dhihaateef dhaabbileen Gucci fi Adidas deebii hin kennine.

Haa ta'u malee, dubbii himaan Gucci barruu buufati isaa Beejing ta'e Caijing jedhamuuf akka himetti dibaabeen kuni ''guyyuu akka qabataniif kan gorfamu miti'' jedhe.

Chaayinaan dhaabbilee daldalaa meeshaalee qaalii oomishaniif gabaa ijoodha.

Waggaa darbe gurgurtaan meeshaalee qaalii 36%'n guddateera jedha dhaabbati tajaajila gorsaa kennu Bain & Company.

Dabaluunis, waggoota sadan itti fufaniif Chaayinaan gabaa ijoo meeshaalee qaalii ni taati jedhee dhaabbati kuni tilmaameera.