Loltuun Raashiyaa dhaddacha yakkaa waraanaa jalqabaarratti nama nagaa ajjeessuu amane

Maxxanfame

Loltuun Raashiyaa umuriin isaa waggaa 21 ta'e erga waraanni Yukireen keessatti eegalame as yeroo jalqabaatiif himatamee dhaddacha yakka waraanaa jalqabaa irratti dhiyaate nama nagaa hidhannoo hin qabne ajjeessuun balleessaadha jedhame.

Vaadim Shishimaariin yeroo waraanni eegalameetti maanguddoo waggaa 62tti dhukaasuun ajjeessuu amaneera. Kanaafi hidhaa umurii guutuutu isa eeggataan.

Sirreeffamaan kun kutaa mana murtii dhiphoo Kiyeev keessaatti akkuma harkisaa cancalaan hidhametti eegdootaan dabaalamee dhiyaate. Loltuun kun kan nahee fakkaata ture. Mataa isaa gadi qabatee mul'ata ture.

Fageenya meetiroota muraasaatti ammoo dubartiin abbaan warraa jalaa ajjeeffame Kaatirnaan tessee turte, jetti gabaastuun BBC News, Saaraa Raanisfoord.

Wayita loltichi gara kutaa seenuutti ijasheerraa imimaantu rooba ture. Abbaan alangaas abban warraa ishee attamiin mataarra rasaasaan rukutamee akka ajjeefame ibsuu eegale.

Achinis ''baleessaa kee ni amantaa?'' jechuun shakkamaa gaafate. Innis ''Eeyyeen'' jechuun deebise.

"Guutummaatti?'' ''Eeyyeen'' jedheen suuta bakka of ilaalee keessa dhaabbatee ture irraa.

Abbaan alangaa akka jedhanitti, yeroo haleellaan isaan irratti banameetti Shishimaariin kutaa taankii keessatti garee tokko hogganaa ture.

Inniifi loltoonni biraa afur osoo konkolaataadhaan gara Chupakhivkaatti imalaa jiranii nama umriin waggaa 62 bishikiliitiin deemaa jirutti dhufan.

Akka abbaan alangaa jedhuutti, Shishimaariin akka namtichi nagaa sun ajjaafamuuf ajaja kennuun Kilashinkooviin itti dhokaasuun ajjeesaniin.

Kiremliin garuu kanaan dura waa'ee taatee kanaa akka hin dhageenye himte.

Battaluma loltuun Raashiyaa yeroo jalqabaatiif nama nagaa ajjeessuu amanusaa haati warraa nama ajjeeffamee dhaggeesseen booda dhaddachi Shishimaariin beelamni biraa qabameef.

Dhimmi himannaa olaanaa kunis Kamisa Caamsaa 19, 2022 irra deebiin kutaa mana murtii guddaa keessatti dhagahama jedhame.

Haati warraa manguddoo ajjeefamanii, Kaatiriinaan kan umuriin waggaa 62 taate osoo mana murtichaa hin bahiin dura BBCn dubbisee ture.

Attamiin dandamataa akka jirtu kan gaafatamte Kaatiriinaan, ''Baayyeen gadda waa'ee isaa. Garuu yakka akkasitiif dhiifama gochuu hin danda'u," jette.

''Dhaddacha jalqabaa kanaatiin, yeekkamtoota, kanneen ajaja dabarsan hundaa ykn kanneen Yukireen keessatti yekka raawwatamu gargaaranii hundaaf itti gaafatamummaa jalaa bahu akka hindandeenye ergaa ifa ta'e dabarsaa jirra,'' jedhan Haatii alangaa olaanaan Yukireen Iriinaa Veenedikotovaa karaa tiwitaraatiin.

Venediktovaan isaan duras waajjirri ishee loltoota Raashiyaa 41 irratti himannaa yakka waraanaa qopheessaa jira jettee turte.

Mooskoon garuu loltoonni ishee namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu haaltee jirti.

Sababii qorattoonni dhimmicha akka yakka waraanaatti gara Mana Murtii Yakka Idi-addunyaa (ICC) kan Heegiitti argamuutti geessuuf ragaa walitti qabaa waan jiraniifu dhaddachi Shishimaarin kunis itti dhiheenyaan hordofamaa jira.

Mana Murtii Yakka Idi-addunyaa (ICC)n mataansaa garee qorattootaa naoomata 42 of keessaa qabu, oggeessoota nama du'ee qorataniifi hojjattoota isaan gargaaran gara biyyatiitti ergeera.

Akkasumas Yukireen himannaawwan dabalataa banuuf akka isaan dandeessisuuf garee ragaa walitti qaban hundeessite jirti.