Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maariyuupool: Yukireen loltoota marfaman baraaruudhaaf 'waan dandeessu mara' gochaa jirti'
Yukireen loltootashee Maariyuuupool bakka hojii sibiilaa Azovistaal keessatti danqamanii hafan baraaruudhaaf "waan dandeessu mara" gochaa jiraachuu qondallii mootummaa tokko himan.
Itti-aantuun Ministira Ittisaa Haannaa Maliiyar akka jedhanitti, mootummaan biyyattii loltoonni meeqa akka bakka warshaa kanaatti danqamanii jiran ni beeka garuu "odeeffannoo icciitii ta'e" waan ta'eef of eeggannoon qabachaa jira.
Wixata loltoonni 264 ta'an kan hedduun isaanii baayyee madaa'anii turan gara bakka finciltoonni raashiyaan deeggaraman qabatanii jiranitti baafamanii turan.
Kibxata ammoo, konkolaataawwan/baasiin torba bakka sanaa osoo bahaa jiranii argameera jechuun Roohitars gabaaseera.
Itti-dabaluun konkolaataan waraanaa mandara finciltoota Raashiyaan deeggaramaniin qabamtee jirtu Olenviikaa jedhamtu qaqqabeera jedheera gabaasni Roohitars kun.
Abbootiin alangaa Raashiyaa ammoo loltoota Yukireen qabatan hunda akka gaafatan dubbatan. Gaaffiin isaanii kunis qaama qorannoo Raashiyaan "Yakka mootummaan Yuykireen namoota nagaa Donbaas irratti raawwattuuti" jedhu.
Yukireen loltootashee magaalaa ulaa gama kibbaa eegaa turan kana deebifachuudhaaf yaaluu itti fufti. Kanas kan gootu haala loltoota Raashiyaa qabattee jirtu deebisteefii kan ishee ittiin fudhatturratti hojjechuudhaan jedhameera.
Loltoonni Yukireen dhibbootaan lakkaa'aman kan miseensonni Humna Galaanaa, Eegdonno Biyyaalessaa (cibiraa Azor dabalatee), eegdota daangaa, poolisiifi garee humna ittisaa daangaa biyyaa kabachiisan, akkasumas daa'imman dabalatee lammileen nagaa hedduun bakka kana keessatti danqamanii jiru. Kun erga ji'a Bitootessa keessaa jalqabee loltoonni Raashiyaa fuula sana marsanii qabataniiti.
Jaqabqa ji'a kanaa ammoo lammileen nagaa hangi tokko Maariyuupool keessaa gara lamaanitti bakka Raashiyaan to'atamee jiruufi Yukireeniin qabatamee jirutti baafamaniiru.
Ibsa Kibxata Kiyeev keessatti kenaniin loltoonni Yukreen meeqa akka Azovistaal keessatti danqamanii jiran kan gaafataman Aadde Maliyaar, "nuti lakkoofsa isaanii ni beekna" jechuun deebisan.
"Opereeshiniin baraaruudhaaf hojjetamu hangam akka ta'e ni hubanna, garuu odeeffannoon kun waan icciitiidhaan qabamuu feesisudha. Kana waan ta'eefis, hanga opperesshiniin baraaruu kun xumuramutti ifa hin taasifamu," jechuun ibsite.
Loltoota kana "gootota keemya£" jechuun kan ibsite Aadde Maaliyaar, oppereshii gaggeessuun garaa ittiin isaan baraaruu dandeenyu qofa jette.
ergaa karaa vidiyootiin Kibxata dabarsaniin Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin loltoonni, gareen tikaafi gareen Yukireen waliigalteef hojjetan, akkasumas warri fannoo Diimaaf UN oppereeshinii baraaruu kana keessatti hirmaachaa jiru. "Yukireen goototashee lubbuun argachuu barbaaddi," jedhan.
,secutor general has asked the country's Supreme Court to declare the unit a "terrorist organisation" in an apparent attempt to prevent its fighters being treated as conventional prisoners of war.