Waardiyyaan sirreeffamaa duraanii Viikii Waayiti of ajjeesuun gabaafame

Maxxanfame

Dubartiin waardiyyaa mana hidhaa sirreeffamaa ajjeechaan shakkame waliin mana hidhaa US - Alaabaamaadhaa baddee turte wayita poolisiin jara lamaan to’achuuf jedhuutti ofitti dhukaasuun of ajjeesuu poolisiin hime.

Viikii Waayiit dubartii waggaa 58 erga miidhaa of irraan geesseen booda hospitaala keessatti boqatte. Viikiin sirreeffamaa Kaaseey Waayit (kan firummaa wal irraa hinqabne) fi nama umuriin waggaa 38 waliin Indiyaanaa keessatti to’annoo poolisii jala oolfamaniiru.

Jarreen lamaan kunneenis Ebla 29 ture kan mana hidhaatii badan. Tarii walitti dhufeenya dhiiraafi dubartii uummachuu akka hin oolle shakkamu.

Akka qondaaltonni jedhanitti, yeroo dhumaatiif kan mul’atan wayita Viikiin sirreeffamaa qorannoo fayyaa sammuutiifan geessa jechuun fuute baate ture.

Guyyaan sunis Viikiidhaaf waan soorama baateef guyyaa hojii dhumaa ture jedhama. Kana malees, dhiheenya keessa mana jireenyaashe gurgurachuufi yeroo ishee baay'ee bashannanaan dabarsuuf karoorfachuu hirriyaasheetti himtee turte.

Viikiin osoo poolisiin to’atamuu jirtuu erga ofiitti dhukaafteen booda, hospitaala keessatti du’aan boqachuu Waajjira Kaawuntii Vanderburgh Wiixata kalee waaree booda mirkaneesse.

Qorannoon booda du’a ishee irratti odeeffannoon dabalataa dhihootti akka gadhiifamu eegama.

Ajajaan Kaawuntii Lauderdale Riik Singiltan, dura jarri lamaan osoo poolisoonni Indiyaanaa -Evaansiviil keessatti hordofaa jiruu konkolaataan isaanii miidhamuufi sirreeffamaa Kaaseey Waayitii harka kennachuu himee ture.

‘‘Namticha balaafamaa daandiirraa har’a arganneera. Kanaan booda gonkumaa ifa guyyaa hin argu,‘‘jedhe.

Tajaajilli Maarshaalii US akka jedhetti, jarreen lamaan kunneenis duraan osoo konkolaataa lakkoofsi gabateeshee Alaabaamaatti galmooftee osoo oofamu guyyaa Jimaataa mul’atan.

Guyyaa Wiixataa ammoo Kaaseey Waayiti kan mana baayyee balaafamaadha jedhame waliin seera kabachiiftoonni gonkumaa carraa homaatu akka hin kennineef akeekkachisee ture Singiltan.

Haata’u malee Viikiin seenaa hojiishee keessatti galmee hamaa homaa kan hin qabne turte.

"Viikii jireenya kootiifilleen nan amanaan ture. Dhugaakoon jedha,’’ jechuun ture waa’ee Viikiin kan gaazeexeessitootatti hime Abbaan Alangaa Bulchiinsa Kaawuntii Lauderdale, Kiriis Koonoolii.

"Yoo mana sirreessichaatii waan tokko barbaadnu, hojjattuu cimtuun achii qabnu ishee turte. Kanaaf baay'ee nu naasise,’’ jedhe.

Kaaseey Waayit Fulbaana 2020 nama umuriinsaa waggaa 58 ta’u waraanee ajjeesuun himatame.

Akkasumas yakkawwan garaa garaa kan akka konkolaataa, saamichaafi poolisoota adamsuun himatamee hidhaa waggaa 75 irratti muramee ture.

Ajjeechaa raawwachuu amanee kan ture yoo ta’u booda ammo sababii rakkoo sammuutiin balleessaan osoo itti hin murtaa’iin ture.

Amma yoo itti murtaa’ee du’aan adabamuu mala.