Dirooniin attamiin kunuunsa fayyaa Indiyaa geedaraa akka jiru

Maxxanfame

Jalqaba baatii kanaatti ture Indiyaatti dirooniin saamuda dhiigaa baattu tokkoo Meeruuti magaalaa bulchiinsa kaabaa Uttaar Praadesh irraa ka'uun erga km 72 gara Noidaa kan dhiheenya magaalaa guddoo biyyattii Deelhiitti argamtuutti balaliite.

Fageenya kana xumuruufis sa'aatii tokkoon ol kan itti fudhate yoo ta'u, baatirii geedarachuuf ammoo bakkuma karoorfamee dhaabbattee turte. Osoo konkolaataan ilamamee sa'aa lamaa ol fudhata ture jedheera.

Indastirii wallaansa Indiyaa keessatti dirooniin waan bakkeewwan baadiyaa qaqabsiisuu dandeessisuuf jecha akka meeshaa jijjirama olaanaa fiduutti ilaalamaa jira. Dhaabbiilee muraasnis erga Indiyaan bara darbee dirooniif hayyamteen booda yaaliiwwan milkaa'aa taasisaniiru.

Yaaliin balaliinsaa kunis laaboraatorii wallaansaatiin xiyyaara nama maleeyyiin yeroo hedduuf gaggeefamaa tureen booda yeroo jalqabaatiif kan dirooniin gaggeeffameedha.

Dhaabbanni lojistikii diroonii Skye Air Mobility jedhamu fi kan diroonii gara Noidaatti balaliisee kunis, hanga yoonaattis balaliinsawwan 1,000 ol gaggeessuun erga Sadaasaatii as mi'awwan kg 3,500 ol ta'u dhiyyeessuu dubbata.

''Odeeffannoowwan balaliinsawwan irraa walitti qabne irratti hundaa'unis, kan malawwan baramaniitti fayyadamurraa %48 sa'aatii nuuf hir'seera,'' jedhu Ankit Kumaar hojii gaggeessaa olaanaan Sky Air Mobility.

Dhaabbanni diroon kun akkasumas balaliinsa yaalii Gurgaa'oon dhiheenya Deelhiitti gaggeesseera. Jalqaba saamudni oggeessootaan erga walitti qabameen booda, qabduu haala ho'aa to'atuun saamsamuun dirooniitti fe'ama. Achinis hospilaata dhunfaa irraa gara laaboraatorii jiduugalaatti geeffamuun oggeessoota (specialist) bira qaqaba.

Waliigalattis saamuda dirooniin bakka barbaadamu geessuun kan silaa karaa imala daandiitiin fudhatu irra yeroo harka tokko sadii keessaa qofa fudhata.

''Adeemsi kunis saamuuda laaboraatoreen qorachuu saffisiisuuf gargaaruun keessatti dhukkubsattoota bu'aa qorannoo murteessaa qabaniif saffiisaan akka qaqabuuf ni gargaara'' jedhan itti gaafatamaan Qorannoo SRL.

Haata'u malee oggeessoonni fayyaa ummataa ammoo bakkeewwan dirooniin kunuunsa fayyaa keessatti sirriin tataajiluu danda'au bakka muraasa qofaatti jedhu.

''Gaaffii inni guuddaan ammoo gatii isaa kan ammatti sababii sadarkaa yaalii irra jiruuf hin baramneedha. Waanti hojjatamu qabaatu hedduutuu jira,'' jedhu Rutuja Patil, Jidduugala Qorannoo Hospitaala KEMtti qorattuun fayyaa hawaasaa.

Ms Paatil bara darbe pirojaktii fayyaa ummataa diroonii baatiiriidhaan hojjatutti fayyadamuun mi'oota wallaansaa murteessoo ta'an jidduugalawwan fayyaa hawaasaa bulchiinsa baadiyaa lixa Mahaaraasashtraan gahuu hogganaa turte.

''Teeknooloojichi akka gaasii jabaa hin gaafanneef hojjatamuu qabaata,'' jeeti.

Talaalliiwwan ykn qorichoota haala qilleensa 2C fi 8C jidduutti geejibuufi tamsaasuu barbaachisuu balaliisuuf yeroo tokko tokkoo baayyee rakkiisaa yoo ta'u mallata jetti.

Indiyaa keessatti, dirooniiwwan balaa atattamaatiif deeggarsa qaqabsiisuuf oppareeshinii baraaruutiif ittiin dhimma bahama. Akkasumas talaaliiwwan Covid-19 ollaawwan baadiyaa fagoofi gaarreeniin guutamaniitti geessuuf dirooniin faayidaarra oolfamaaniiru.

Haata'u malee dirooniidhaan dhiyeessitii geessuuf balaliisuun yeroo hunda waan salphaa hin ta'u. Dirooniiwwan baayyee waan to'atamaniifu namoonni dhuunfaa dirooniin tajaajila kennuu barbaadanis duraan dursanii hayyamaa balaliisuu hargachuufi waraqaa hedduu guutuu qabaatu.

Bara darbe baatii Hagayyaa keessa motummaan seeraafi dambiiwwan ragaasisuun, kanfaltii dirooniiwwan daldalaa balaliisuuf kanfalamu qabaatuu hirisuun hayyama keennee ture.

Seera haaraa jalatti, waraqaawwan barbaachisan haalaan xiqqaateera. Gostiwwan kanfaltii diroonii balaliisuuf kanfalamus 72 irraa gara afuriitti hir'ateera.

Akkasumas motummaan maappii naannoo qilleensaa zooniiwwan sadiitti adda baasuun, haalluun adda baasuun- magariisa, keelloofi diimaa jechuun bakka qaamooleen diroonii balaliinsa irra balalii'uu danda'aniifi hin dandeenye ifa taasiseera.

Hunda caalaa ammoo zooniiwwan magariisa keessa dirooniiwwan balaliisuuf hayyamni omaatu kan hin barbaachifne ta'usaati. Achirras ol fagiinya miila 400 balaliisuun ni danda'ama.

Hayyamnii kan gaafatamu dirooniiwwan micro fi nano drones ta'aniin. Nano drones kan jedhamanis sirnawwan nama-maleeyyii qilleensarra balalii'aniif hanga hiraamiiwwan 250 ulfaatan yoo ta'an, kanneen micro drones jedhaman ammoo hanga kg 2 kan ulfaataniidha.

Ministeerri Aviyeeshinii Indiyaa akka jedhuutti, indastiriin tajaajila diroonii baroota sadan dhufan keessatti ruubbuu biiliyoona 300 (doolaara biiliyoona 3.90 oliin guddachuun hojii kallattii kuma 10 ol akka uumuu eegama jedheera.

Intarpirinaroonni akka Aab Kumaar fa'if eegeereen waan abidii qabu fakkaata.

''Dhuma bara kanaatti, dirooniiwwan 100 ol jiddugalawwan 20 ol kanneen hojiiwwan adda addaatiif tajaajila kennan keessatti ni bobbaafna,'' jedhan.