Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Ameerikaan naamusa namummaa dhabuufi gara jabummaan Raashiyaa himatte
Ministeera Ittisaa Ameerikaa/Peentagoon/ pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Putiin weerara Yuukireen keessatti "naamusa namummaa dhabuun" himatte.
Dubbi himaan Peentagoon Joon Kiirbii miira keessa galuun yakkoonni suukanneessoon Raashiyaan Yuukireen keessatti raawwatte naamusa kamiin sirriidha jedhamuu danda'a jechuun gaafate.
Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin Jimaata kaleessaa, ammallee Aab Puutiin waliin dubbachuuf fedhii qabaachuu himeera.
Haata'u malee waraana Raashiyaa kanaan balaan biyyi isaa diigamuu guddaadha jedhe.
Puutiin waliin dubbachuutti kan ciche Raashiyaa keessatti "nama tokkoti waan hunda murteessa" waan ta'eefi jedhe Zeleniskiin miidiyaa Poolaanditti yoo dubbatu.
Badiin loltoonni Raashiyaa iddoowwan qabatanii turan keessatti raawwatan mari'achuun ulfaataa akka ta'u godheeras jedhe.
"Wanta Bukaa fi Maariyupool keessatti ta'een booda namuu isaan ajjeesuu barbaada. Ilaalchi akkanaa bakka jirutti mari'achuun ulfaataadha," jedhe.
Kamisa darbe Yuukireen loltoota Raashiyaa 10 Bukaa keessatti yakka waraanaa raawwatan jette adamsaa akka jirtu beeksiftee turte. Bukaa - ollaa qarqara Kiiv jirtutti yoo xiqqaate namoonni nagaa 400 ajjeefamaniiru.
Dubbi himaan Peentaagoon maal jedhan?
Puutiin hokkoraa fi gara jabina akkanaa raawwachuu akkamiin akka danda'e guutummaatti waan hubanne natti hin fakkaatu jedhan Aab Kiirbiin Jimaata yoo dubbatan.
Puutiin Yuukireen kan weeraraniif nageenya lammilee Raashiyaa eeguuf akkasumas sirna Naazii Yuukireen keessaa balleessuufi kan jedhan Kiirbiin kufaa godhe.
"Wanta inni uummata nagaa Yuukireen irratti raawwachaa jiru, harka duubatti hidhee duubaan rasaasaan mataa dhahuu, dubartoota ulfaa ajjeesuu fi hospitaala boombiin haleeluufaa yoo ilaallu, sababa inni itti weerare jedhe amanuun ni ulfaata" jedhe.
Kiiv kan jiru gabaasaan BBC Joowel Guntar akka jedhutti Raashiyaan humnaan lammilee nagaa qabdee gara biyyaa deebisaa akka jirtu ragaaleen agarsiisan heddummaataa jiru.
Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov Sanbata darbe akka dubbatetti erga waraanni eegalee, namoonni miliyoona tokko Yuukireen keessaa baafamanii gara Raashiyaa geeffamaniiru.
Lakkoofsi kun lammilee biyyoota biraa 120,000 ta'an akkasumas namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman naannolee Baha Yuukireen Raashiyaan deeggaraman lamaan Doneeshk fi Lunaask irraa ta'an akka dabalatu Shiinuwaatti hime.
Ministirri Muummee Itti-Aanaa Yuukireen Raashiyaan lammilee nagaa Yuukireen loltoota Raashiyaa booji'amaniin jijjiiruuf yaalte jechuun BBCtti himan. Kun wanta waliigaltee Jeneevaatiin gonkumaa dhorkamudha.
Jimaataa osoo barreessaa olaanaan UN Antooniyoo Guterees magaalaa gudditti Yuukireen Kiiv jiranii Raashiyaan haleellaa qilleensaa magaalattii irratti raawwachuu himte.
Haleellaa misaa'elaa gamoo mana jireenyaa irratti erga torban lamaatii yeroo duraaf raawwatame kanaan gaazexeessituun Viiraa Hiirch jedhamtu ajjeefamteetti.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa warshaa misaa'elaa Kiiv keessa jiru irratti qiyyaafachuun haleellaa kana raawwachuu hime.
Waraana baatii lama lakkoofsise kanarratti deeggarsa waraanaa, diinagdee fi namoomaa dabalataa Yuukireeniif gochuuf koongirasiin Ameerikaa doolaara biliyoona 33 akka hayyamu pireezidantiin US Joo Baayidan gaafataniiru.
UKn ammoo loltoota 8,000 shaakalaaf gara Baha Awurooppaatti akka bobbaastu beeksifteetti.