Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Gutereez osoo Yuukireen daawwachaa jiranii magaalaan Kiyeev rookkeettiin haleelamte
Wayita barreessaan olaanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerz magaalaa guddoo Yukireen Kiyeev daawwachaa jiranitti rookkeettiin dhukaafame.
Osoo Gutereez daawwannaarra jiranii naannawaa Cheevicheenkoo jedhamu magaalaa Kiyeev walakkaatti argamutti rookkeettiin si'a lama dhukaafameera. Dhukaasa kanaanis nammoonni sadii miidhamanii hospitaala akka geeffaman kantiibaan magaalaa Kiyeev dubbateera.
Gutereez yeroo daawwannaa isaanii kanatti mana-maree nageenyaa dhaabbata ofiisaanii qeeqaniiru.
Manni-maricha waraanicha dhaabsisuu dadhabeera kan jedhan Gutereez, "Kun wanta baayyee nama gaddisiisuufi nama dheekkamsiisullleedha," jechuun UNn abaaraniiru.
"Ifattin isinitti hima, UN waraana kana dhaabsisuudhaaf carraaqqii humna isaa gitu hin taasifne."
Manni-maree nageenyaa miseensota 15 qabu hojiin isaa inni guddaan nageenyaafi tasgabbii addunyaa eegsisuudha.
Haata'u malee, dhaabbatichi waraanicha dhaabsisuu dadhabuu isaatiin mootummaa Yukireeniifi qaamoleen birootiin qeeqamaa jira.
Raashiyaan biyyoota miseensa dhaabbataa mana-maree nageenyaa shan keessaa tokkodha.
Gutereez Kamisa pirezidaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii waliin ibsa waloo kennaniiru.
Zeleniskiin kanaan dura UN qeeqaa tureera.
"Kabajamoo pirezedaantii siifi ummata Yukireeniif UN abdii akka hin kutiin beeksisuun barbaada," jedhan Gutereez.
Manni-maree nageenyaa UN "laamsha'eera" jechuun Gutereez qeeqanillee, dhaabbanni isaanii karaa gara garaa deeggarsa kennaa jiraachuu eeraniiru.
UN hojjetoota 1,400 Yukireenitti bobbaasee nyaataafi maallaqa dabalatee deeggarsa biroos taasisaa jiraachuu Gutereez BBCtti himaniiru.
Gutereez yeroo Yukireen daawwachaa jiranitti "yakka waraanaa" Raashiyaan raawwatame arguu akka danda'an dubbatee ture Zeleniskiin.
Raashiyaan gocha "sanyii mancaasuu" raawwachaa jirti jechuun itti dabaluun dubbate Zeleniskiin.
Raashiyaan garuu himannaa kana hin fudhattu.
Magaalaa Borodiyaankaa jedhamu Kaaba-lixa Kiyeevittti argamtutti kan argaman Gutereez, gamoowwan barbadaa'an arganiiru,.
Waraana "jaarraa 21ffaa keessa hin yaadamnedha," jechuun Gutereez gadda isaanii ibsataniiru.
Magaalaa Raashiyaan torbanoota muraasa keessatti barbadeessite Maaripooliin erga daawwatanii booda namoota kumaatamaan lakkaa'aman baraaruun akka barbaachisu waamicha dhiyeessan.
"Namoonni garri caalan maanguddootadha. Kanneen socho'uu hin dandeenyellee keessatti argamu. Lammileen kumaatamaan lakkaa'aman baraaruu qabna," jedhan.
Raashiyaan lammileen nagaa ganda industirii Azoovistaal jedhamu jiraatan, akkasumas loltoonni Yukireen naannawaa sana gadi dhiisanii akka bahaniif karaan akka banamu Yukireeniin gaafatamtullee ittuma fuftee diddeetti.
Gutereez agama isaaniitiin pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin "akka waliigalaatti" lammileen nagaa magaalattiidhaa akka ba'aniif hayyamuu isaanii BBCtti himaniiru.