Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni bara 2013 qoramanii qabxii seensa yuinivarsiitii hin fidne lammata akka qoraman murtaa’e
Barattoonni Naannoo Amaaraa fi naannolee biroo sadi bakkeewwan lolli ture keessa taa'anii qormaata kutaa 12ffaa qoramanii qabxii seensa yunivarsiitii hin arganne lammata akka qoraman murtaa'e.
Ibsa har'a Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa kenneen barattoonni Naannoo Amaaraa, Affaar, Oromiyaa, fi Benishaangul bakkeewwan lolli ture turan lammata akka qoraman murtaa'eera.
Barattoonni naannolee afur keessa jiran kunneen kanneen lammata qoraman warra qabxii seensa yuunivarsiitii hin finnedha. Kanaanis, kanneen barana qoraman waliin akka qoraman ibsame.
Hanga yoonaa adeemsa soroorrii qormaataa deebi'e kan ilaale ministeerichi rakkoon mudate hin jiru jedheera.
Murteen kuni barattoota bakkeewwan lolaafi walitti bu'iinsi ture qoramaniif yaaduun kan murtaa'e ta'uu ibse.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2013 waliin walqabatee naannoleen garagaraa komii isaanii dhiheessaa turan.
Naannolee kanneen keessaa tokko kan ta'e Naannoon Amaaraa barattoonni manneen barnootaa garagaraa keessa qoraman gara caalu qabxii seensa yuunivarsitii akka hin arganne ibsaa ture.
Kana hordofees adeemsa kenniinsa qormaataafi soroorri irratti komii ibsachaa ture.
Naannichi koree hundeessuun ''qabxii barattootaa gad-aanaa ta'eefi hin baramne'' jedhameerrati soroorrirratti rakkoon mudachuu, hanni raawwachuu akkasumas, barattoonni waraana keessa ta'anii qoramuu ibse.
Kunneenis qabxiin akka xiqqaatu sababa jechuun ibsee Eejansii Qormaata Itoophiyaafi Ministeera Barnootaaf gaaffii dhiheessee ture.
Ministeerri Barnootaa ibsa har'a kenneen Naannoo Amaaraa bakkeewwan hunda keessatti barattoonni barnoota kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii kanneen hin fidne kanneen barana qoraman waliin ni qoramu.
Akkasumas, qabxii ittiin darban mootummaan kana dura ibseen seenan ala dabalataan barattoonni 4339 yunivarsitoota mootummaa keessatti akka seenan murtaa'u ibse.
Haa ta'u malee, naannichi murteen ministeerichaan ibsame gahaa miti jechuun kan ibse. Furmaatni waaraa akka argamu fuula duraaf akka fooyya'iinsi taasifamu hubachiise.
Hanna qormaataan walqabatee komiiwwan dhihaate erga ilaalee booda rakkoo homaa akka hin agarre kan ibse ministeerichi ammaan achi qormaata 12ffaa bara 2013'n walqabatee komii dhihaatu akka hin keessummeessine ibseera.
Ramaddiin barattoota kutaa 12ffaa bara 2013 qoramanii qabxii seena yunivarsiitii galmeessanimmoo torban kanaa eegalee akka adeemsifamu ministeerichi ibseera.
ALI bara 2013 barattoonni kutaa 12ffaa kuma 598 fi 679 qoraman keessaa yunivarsiitiiwwan mootummaa kanneen simachuu danda'an 25% ta'u ibsichi ni eera.
Lolli Kaaba Itoophiyaatti waggaa dura eegaleen manneen barnootaa dabalatee qabeenyi guddaan manca'eera.
Barattoonni hedduus barnootarraa adda cituu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa ibsaa ture.