'Waan arganne jedhan wajjin duguugnee kaasuuf jennaan bakkicha gadhiisan'-bulchiinsa Magaala Galaan

Namoota bakka Caffee Tumaa qubatanii jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Namootni gara biraa irraa dhufan jedhaman tsalootii bakka kanatti goonee Taabotni lafa kana keessaa argameera jechuun bakkicha qubatanii Torbee tokkoo oliif turaniiru.
Maxxanfame

Dhimmi Taabota lafa keessaa argame jedhamuun Magaalaa Galaan ganda Caffee Tumaatti ijoo dubbii ta'ee ture xumura argachun himame.

Ganda Caffee Tumaa kanatti Namoonni gara biraa irraa dhufan jedhaman tsalootii (kadhannaa) bakka kanatti goonee Taabotni lafa kana keessaa argameera jechuun bakkicha qubatanii torbee tokkoo oliif turu odeefannoo bulchiinsa magalaa Galaan waabeefachuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

Bulchiinsi Magaalaa Galaan namoonni kunneen maqaa Amantaa daheeffachuun weerara lafaa gaggeessuuf yaadanii kana raawwatan jechuun bakkicha akka gadhiisaniif akeekkachiisuu hime ture.

Namoonni achi qubatan kunneen ammoo sababa 'Taabotichi nuuf ka'uu dide' jedhuun torbee tokkoo oliif bakkicha turaniiru jedha Bulchinsichi.

Kantiibaan Magaalaa Galaan Aadde Waayinisheet Gizaaw BBC'tti akka dubbatanitti, namoonni Taabota arganne jechuun bakkicha qubatanii turan Sanbata xiqqaa galgala bakkicha gadhiisaniiru.

"Jimaata guyyaa hin kaasnu galgala malee jedhan. Galgala ammoo namoota biraa waammatanii bakkichuma bulan. Sanbata xiqqaa sa'aatii torbatti yoo dhaqnee ilaallus hin kaane. Sana booda har'a as bullaan wal hin dhiisnu dafaatii asii ka'aa jenneeni," jedhan haala ture yoo ibsan.

"Amantaadha erga jettanii isin kabajnee yeroo isinii kennineerra. Kanaaf poolisiidhaan bakkichaa xaragnee isin kaasuurra har'a osoo hin bulin dafaa gadhiisaa jenneen. Galgala Naannoo sa'aatii 12 kan duraan 'ka'uu dide, phaaphaasiin dhufu malee' jedhan dhaabanii bakkicha gadhiisanii deeman," jedhan.

Bulchiinsi magaalichaa namoota achi qubatanii turan kanaaf filannoo lama kennuu kan himan Aadde Wayinisheet, 'ofiif kaafachuu' yookan 'poolisiin haa kaasnu' kan jedhuun dhumarratti ofiif kaafatanii gara mana amantaatti akka galan himan.

Erga Sanbata xiqqaa galgalaatiis bakkichatti sochiin tokkoyyuu akka hin jirree fi namoonni Taabota arganne jedhanii fi deeggartoonni isaaniis nagaan bakkichaa deemuu himan.

Namoonni Taabota arganne jedhan kunneen yeroo bakkicha gadhiisan waan arganne jedhan fudhatanii bakkicha gadhiisuu malee waan isaan argatan waan beeknu hin qabnus jedhan

Bulchiinsi Magaalichaa dhaabbilee amantaatiif karaa seera qabeessa ta'een lafa amantaa kan kennu akka ta'ee fi amantaa dahoo godhachuudhaan weerara lafaa gaaggeessuuf yaalii taasifaamu kamuu irratti obsa hin qabnu jedhan kantiibaan kun.

Taatee kana ilaalchisee BBCn kan bulchiinsa Magaalaa Galaan irraa odeeffateen alatti, yaaliin bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa irraa deebii argachuuf taasisee hin milkoofne.

Taatee walfakkaataa kana dura mudate

Taateen akkanaa kun yoo mudatu kan ammaa kun yeroo jalqabaa miti. Waggaa lamaan duras Naannawa Koyyee Facceetti Taabotni waaqarraa bu'e jedhamuun dubbii ijoo ta'ee ture.

Hogganaa Itti-aanaan Mana Lubummaa Bataskaana Ortodokosii Itoophiyaa Luba Balaay Mokonnin yaada yeroos BBCn dubbisee ture, "dubbiin akkasii kun amantii kan miidhudha" jedhechunsaanii ni yaadatama.

"Wanti akkasii nama goyyoomsuudha", kan jedhan Lubi Balaay, "dhuguma Waaqayyo raajii hojjechuu ni danda'a, raajii kan hojjetu garuu namoota akkanaa fedhii foonii isaanii duuba godhatanii of fuuldura sagalee Waaqaa qabatanii deemaniin osoo hin ta'iin, warra dhugaadhaan Waaqa amane irratti Rabbi raajii kan hojjetu," jedhan.

Rakkoon kanaan dura ture mootummaan lafa taabota itti dhaabbatan waan hin kennineef, akkuma amma godhame kanatti 'taabonni achitti lafa keessaa argame' ykn 'Waaqarraa bu'e' jedhameetuma babal'achaa ture jedhan.

"Amma lafa keessaa argame, Waaqaa bu'e kan jedhu kun dubbii dhugaa miti, dubbii amanamu miti" jedhanii ture Luba Balaay.

Manni Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa taatee magaalaa Galaanitti tibbana kana ilaalchisee hanga ammatti kan jedhe hin jiru.