Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daarektarri fiilmii ‘Black Panther’ dogoggoraan saamicha baankiin shakkamee to'annoo jala oole
Ameerikaatti, daarektarri fiilmii beekamaa ‘Black Panther’ herrega baankii mataasaa keessaa qarshii yeroo baasuuf jedhu saamicha baankiin dogoggraan shakkamuusaa gabaasni poolisii agarsiise.
Rayaan Kuuglar baatii Amajjii keessa Baankii Atilaantaa irraa doolaara 12, 000 baasuuf erga yaaleen booda yeroo gabaabaaf to’annoo jala ooleera.
Ogeettiin tajaajila maamiloota baankii, haala jiru sirnaan otoo hin hubatiin saamichi raawwachuuf akka yaalame hoggansatti gabaaste.
Kuuglar miidiyaa Ameerikaa TMZ jedhamutti, ’’haalli akkasii mudachuun irra hin jiru ture,’’ jedhe.
Haatahu malee, jedhe namni ganna 35 kuni, Baankiin Ameerikaa, ‘’ana tumsuun dubbichi haala quubsaa taheen furamee, biraa galleerra.''
Gabaasni poolisii akka agarsiisutti, Kuuglar waraqaa qarshii ittiin baasan irratti doolaara 12,000 akka barbaadu barreessee keessummeessituu maamilootaatti yoo kennu, fuulatti maaskii, koofiyyaa fi kishaafee keewwatee ture.
Waraqaa kennerratti qarshichi iddoo biraatti akka lakkaa’amus gaafatee ture,’’of eeggannoof jecha iccittin akka tahu fedha,’’ jedhe. Waraqaa eenyummaas agarsiisee ture.
Akka gaazexaan Niiw Yoork Taayims gabaasetti, qarshii sana ogeessa fayyaa maatiisaa gargaareef kaffaluuf baase, dhoksaan akka lakkaa’amu kan barbaade immoo sababa hamma qarshichaan nageenyasaaf yaadda’eeti.
Keessummeesituun maamilootaa ofii akkuma Kuuglar bifa gurraacha kan qabdu yoo tahu, ulfa gatii turteef isheenis nageenyasheef sodaattee turte jedhe gaazexichi.
Qarshiin doolaara 10,000 waan baheef, yeroo ergaan yaadachiisa dhufudha ogeettiin baankii kun hoggansa baankichaatti saamicha shakkuu kan gabaaste.
Daarektarri fiilmii ‘Black Panther’ kutaa itti aanu irratti hojjechaa jiru kuni eenyummaasaa beeksisuun hanga gadhiifamutti harkisaa cancalaan hidhamee yeroo gabaabaaf to’annoo jala oolee ture.
Baankiin Ameerikaa, ‘’waan dhalateen gaabbineerra. Sun tahuu hin qabu ture, Kuuglariin dhiifama gaafanna,’’ jedhe.