Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mindaan cite jechuun barumsa adda kutuun yakka'- Waajjira Barnootaa Aanaa Mooyalee
Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti ''miindaan keenya fedha keenya malee nurraa cite,'' jechuun barsiisonni erga daree galanii barsiisuu dhaabani guyyaa sadaffaarra jiraachuu himan.
Barsiisonni BBC'n dubbise akka jedhanitti deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qajeelfama kennameen miindaa isaaniirraa dhibbeentaa 50 citaa turus, amma 'eeyyama isaanii malee dhibbeentaa 100' irraa citaa akka jiru himan.
Mana Barumsaa Qophaa'inaa Kumalaa Jaatanii Alii keessa kan barsiisu barsiisaan maqaasaa eeruu hin feene tokko erga Wiixata, Ebla 4, 2022 as manni barumsaa cufamee jira jedhe.
Barsiisaan kun beekamtii fi fedhii isaanii malee mindaan irraa cituun sababa mana barumsaa itti cufan ta'uu hime.
''Raayyaa ittisaaf mindaa kutaa wayita jedhan nuti barsiisota waliin mari'annee dhibbeentaa 20 ykn 30 kutna jennee turre. Hin ga'uu dabalaa jennaan ammallee dhibbeentaa 50 kutuuf mallatteesinee galchine.
''Xiqqoo turanii dhibbeentaa 100 malee hin ta'u jedhanii kutuu eegalan,'' jechuun komata barsiisaan kun.
Barsiisaan diddaa barnootaarra jiru kan maqaasaa eeruu hin feene kan biraan, erga barnooti dhaabbatee guyyaa sadii ta'uu fi barsiisonni manneen barnootaa Aanaa Mooyalee keessa jiran hundinuu barnoota dhaabuu hime.
BBC'n dhimma kana qaama biroorraa hin mirkaneessine.
Sababii mana barumsaa dhaabaniif wayita ibsus, ''kanaan dura Raayyaa Ittisa Biyyaaf mindaarraa dhibbeentaa shantama kutaa turre.
''Ji'a ja'a kutnee Raayyaa ittisaas kana booda nu ga'a jedhee nu galateeffatee erga jedhee booda ammas nurraa cituun ittuma fufe. Kanaafuu nurraa cituu hin qabu jennee hojii dhaabne,'' jedhe.
Yeroo mindaan fedhiisaanii malee cituu eegaletti mufii isaanii bulchiinsa Komaand Postii yeroo sanaa, hoogganaa waraanaatti dhiyeeffachuufi qondaalli waraanaa kunis maallaqi isaanii seeraan ala kutamuu akka itti himee tures himu.
''Maallaqni keessan seeraan ala cite waan ta'eef isinii deebi'a jedhee waadaa nuuf seene. Eegasii kaabinoonni aanaa dhimma keessan isinii sochoosuu hin dandeenye nuun jedhan. Ergasiis qaama dhimmi ilaalu hunda xalayaadhaan gaafataa turre.''
Dhiyeenya kana ALI baatii torbaffaarratti kan raayyaa ittisaaf kutan waan obba'uuf mindaan isaanii guutuun akka gadhiifamuuf itti himamuu kan hime barsiisaan kun, ''isaan garuu ittuma fufanii kutan,'' jedhe.
''Nutis nurraa kutuu hin dhiistan taanaan waan dhufuuf isintu itti gaafatama jennee xalayaa galfanne. Kanaafuu karaama seera qabeessaan hojii dhaabne,'' jechuun ibse.
Barsiisaan kan biraan akkas jechuun dubbatan: ''Waggaa darbe miindaa keenyarraa achumatti kutaa turan, barana ammoo nuti erga miindaa keenya fudhannee booda ofii keenyaan kutna jennee didnee turre.
''Garuu yeroonis yeroo waraanni Kaabaa hammaatee fi yeroo komaandi postii waan tureef namni nu dhagahe hin turre. Nutis ni dhiisne. Isaanimmoo inumaa osoo nuti hin mallatteessin fedhii keenyaan ala parsantii dhibba kutan.''
Waajjirri barnootaa akka mana barumsaa seenan itti himuu kan hime barsiisaan kun ''nuti garuu yeroo wanti hundi qaala'ee jirutti osoo mindaan keenya muramuu itti fufuu hin dandeenye,'' jedhe.
Mindaan guutuun akka gadhiifamu karaa bakka bu'oota manneen barumsaa barsiisota hundatti waan himameef, wayita waadaan kun cabu barsiisonni hunduu tarkaanfii walfakkaataa fudhatuu hima.
Manneen barnootaa aanaa Mooyalee keessa jiran hunduu altakkaatti cufaman jedhan barsiisonni kunneen.
Dhimma kanarratti qaamolee mootummaa waliin waan mari'annu hin qabnu kan jedhu barsiisaan kun, jaarrolee biyyaa garuu rakkoo keenya hubachiisneerra jedhe.
''Isaan nu mariisisuu barbaannaan dhiisnee biraa yaane. Yaada keenya ifatti xalayaadhaan waan galchineef waan waliin dubbannu hin qabnu. Har'ammoo jaarrolee nutti ergan. Jaaroleenis yaada keenya hubataniiru.''
Waajjirri barnootaa aanichaa maal jedhe?
Hoogganaan Waajjira Barnootaa Aanaa Mooyyalee Aab Galma Jaarsoo, manni barumsaa cufame jechuu malee gaaffii barsiisota kunneenii homaa hin dhageenye jedhan.
''Gaaffiisaanii anaaf, bulchaaf yookiin kantiibaaf hin dhiyeessine. Callisaniima hojii dhaaban. Qaami tokkollee osoo quba hin qabaatin fedhiisaaniitiin dhaaban,'' jedhan.
Qaama waan kana kakaase ni shakkina kan jedhan Aab Galma Jaarsoo dhimmicha ilaaluuf jirra jedhan.
Ofii waltajjiif bakka biraa akka turaniif hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbachuu bilbilaan akka dhagahan himan.
''Namni yoo rakkoon jiraate gaaffiisaa dhiyeessee, yoo deebii dhabe tarkaanfii fudhata, kunimmoo akkamiin akka akkas ta'e nuti hin beeknu.''
Barsiisotni kunneen ijoollee uummataa barsiisuuf dirqama qabu kan jedhan qondaalli kuni mootummaanis mirgasaanii kabachiisuuf dirqama qaba jedhan.
''Dirqamasaanii teellaatti dhiisanii ijoollee ummataarratti tarkaanfii akkanaa fudhachuun kallattii kamiinuu sirrii miti. Ummatarratti tarkaanfii fudhatanii achiin booda haa mari'annu jechuun hin danda'amu.''
Mindaa isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaaf kutaa akka turan quba qabduu jennee gaaffii gaafanneef, gaaffiin kan mindaa osoo hin taane ajandaa biraati jechuun deebisan.
''Dubbii mindaa yoo taate wanti manni barumsaa dhaabatuuf hin jiru. Mari'annee furuu dandeenya. Dubbiitu sana miti.''
''Dhimmi mindaa kutuu waan biraa, dhimmi mana barumsaa cufuu waan biraati. Dhimmi mindaa sun ajandaa biraati. Dubbichi achiyyuu hin dhaqqabne. Osoo hin gaafatin ta'e jedhanii dhaaban,'' jechuun barsiisota komatan.
Dhimma kana mariidhaan akka furan kan dubbatan Aab Galma, ''dhimma warra tarkaanfii ijoollee uummataarratti fudhatee jabeessinee ilaalla,'' jedhan.
Barsiisonni kunneen mindaasaanii kutuu diduuf mirga qabumoo hin qaban yaada jedhurratti Aab Galma wayita yaada kennan akkana jedhan:
''Ammas dubbiin dubbii mindaa miti. Dhimma mindaa mari'annee sirreessuun ni danda'ama. Osoo mariin sirreessuun danda'amuu ilmaan hiyyeessaarratti tarkaanfii fudhachuun yakka,'' jedhan.