Rakkoo nageenya daangaa Gaambellaafi Sudaan Kibbaatti dhalateen namoonni 9,000 ol buqqa’an

Maxxanfame

Gareen hidhataa Sudaan Kibbaatti socho’u gara naannoo Gaambeellaa galee lubbuu nama tokkoo balleessuun, lammiileen kumaan lakkaa’aman akka buqqa’an taheera.

Pirees Seekreetaariyaatiin naannichaa Obbo Ugatuu Odiing gareen Sudaan Kibbaatti socho’u fi ‘South Sudan People’s Liberation Movement’ jedhamu gara naannichaa galuun nama tokko ajjeesuun dabalataan namoota ja’a madeesseera jedhan.

Gareen fincilaa Sudaan Kibbaa haleellaa raawwachuu hordofee yaaddoo uumameen, namoonni kuma sagalii ol tahan gandoota naannoo jiranirraa gadhiisuun baqachuu isaanii itti gaafatamaan kuni dubbataniiru.

Obbo Ugatuu Odiing lola mootummaan Sudaan Kibbaa fi garee hidhataa gidduutti wal-dhibdee uumameen Kibxata darbe hidhattoonni, ‘’daangaa darbanii galuun,’’ godina Nuweer, aanaalee Baajikaawoo fi Baalaareennaa keessatti saamicha raawwachuu isaanii beeksisaniiru.

‘’Duula seera kabachiisuu naannoo Tigraayitti tureen,’’ naannoo daangaa irratti karaa Itoophiyaa humni nageenyaa gahaa akka hin turreefi miseensonni poolisii federaalaa muraasni qofa akka turan kan eeran itti gaafatamaan kuni, ‘’rakkoon ture humna keenyaan dhaabbachuu kan danda’u hin turre,’’ jedhan.

Akka aanga'aa kanaatti erga taateen kun uumame booda, humnoonni federaalaafi naannichaa ''hidhattoota daangaa ce'anii galan, gara daangaa isaaniitti akka deebi'an taasisaniiru.''

Humnoonni nageenyaa kunniin garuu hidhattoota kana wajjiin dhukaasa akka hin taasifne qondaalli kun himaniiru.

Tahus garuu gama daangaa Sudaan Kibbaatiin gareewwan walloolan gidduutti dhukaasa meeshaalee waraanaan taasifamuun sodaa uumameen, jiraattonni araddaalee afur keessa jiran 9,000 ol tahan qe'erraa buqqa'uu himan.

Yeroo ammaa kanatti humni nageenyaa gahaa tahe naannichatti bobbaafamuufi hidhattoonni kun humnoota mootummaa Sudaan Kibbaan ''mo'amanii waan baqataniif'', naannichatti tasgabbiin deebiyeera jedhan.

''Gareen kun daangaa keenyaan alatti waan argamuuf, afaan guutanii hin jiran jechuun hin danda'amu. Yeroo ammaatti daangaa keenya waraana kanarraa bilisa gochuu dandeenyeerra,'' jechuun pirees sekretaariyaatiin naannichaa BBCtti himaniiru.

Lola kanaan kanneen qe'eerraa buqqa'an gara gandoota ollaatti baqachuu kan himan anga'aan kun, ''warreen dhiiraa oggasuu gara qe'eesaanitti deebi'anis,'' haadholiifi daa'imman haga ammaatti hin deebi'in jiraachuu eeran.

Nyaataafi qabeenyi isaanii waan jalaa saamameef, deebisanii ijaaruufi qe'eetti deebisuuf, mootummaan dhaabbilee miti-mootummaa wajjiin hojjechaa jiraachuu Obboo Ugatuu himan.

Amma duras naannoon Gaambellaafi Sudaan Kibbaa bakka wal daangeessanitti, hidhattoonni saba Murullee daangaa cehuun, irra deddeebiin haleellaafi saamicha dhaqqabsiisaa jiraachuu ni himama.