Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaadwiik Boosemaan: Taatuun Ameerikaa, fiilmii 'Black Panther' irratti beekamu kaansariin du'e
Taatuun Ameerikaa Chaadwiik Boosemaan filmii 'Black Panther' jedhamu irratti hojjachuun beekamu dhukkuba kaansariin addunyaa kanarraa du'aan boqate.
Taatuun kun umrii waggaa 43 kun manasaa keessatti bakka haati warraasaa isa cinaa jirtutt, Loos Anjalas keessatti du'e jedha odeeffannoon miidiyaa hawaasummarraatti maxxanfame.
Innis kaansariin waggoota afur dura kan qabame yoo ta'u, ummataaf garuu ifa hin goone ture.
Oduun du'asaa kunis dinqisiifattootasaa naasiseera. Daayirektarri 'Get Out' duutisaa "baay'ee nama gaddisiisa" jechuun ibseera.
"Qabsaa'aa dhugaa, Chaadwiik waan hunda keessa darbee fiilmiiwwan isin jaalattan irratti hojjateera," jedhan maatiinsaa.
Hojiiwwan isaa asiin duraa...
Chaadwiik fiilmiiwwan adda addaarratti kan hirmaate yoo ta'u, fiilmiin bara 2018 hojjate 'Black Panther' kan namoonni hedduun yaadataniidha.
Inni biyya Afriikaa qabatamaan hin jirre, Wakaandaa, jedhamtutti bulchaa biyyattii ta'uudhaan fiilmicharratti kan hirmaate.
Fiilmicharraas beekamtii guddaa fi fiilmichi guutuu addunyaarratti manneen siinimaatti agarsiifamuun galii doolara biiliyoona 1.3 argamsiiseera.
Chaadwiik bara darbe fiilmichi "dargaggyummaan, kennaa qabaachuun akkasumas gurraacha" jechuun maal jechuu akka ta'e jijjiireera jedhee ture.
Innis dabalataan fiilmota Marveela 'Captain America': 'Civil War', Avengers:'Inifinity War and Avengers: Endgame jedhan irratti hojjateera.
Kutaan itti aanu bara 2022 inni irratti hirmaachuun gaddhiifamuuf ture.
Chaadwiik dhukkubbiisaa hawaasaa ifa waan hin goooneef du'uuti isaa namoota heddu naasiseera.
Ta'us garuu dinqiisiifattoonni isaa hir'achuu furdinna qaamaasaarratti yaaddoo qaban ibsaa turan.
Namoonni maal jedhan?
Taatuun Dwaayinee Joonsan akkas jechuun Tiwiitarasaarratti maxxanseera: "Ifa kee nutti agarsiisuu keetiif galatoomi akkasumas dandeettii kee addunyaaf mul'isuu keetiif. Maatiikeetiif jajjabinna hawwa."
Kaadhimamtuun pireezidaantii itti aantuu Paartii Dimookiraatotaa Kamaalaa Haaris gaddasheetti dhagahame ibsiteetti.
Namoonnis #WakandaForever jechuun miidiyaalee hawaasummarraatti qooda jira.
Chaadwiik maatiisaa narsii fi interpireenarii irraa kan dhalate yoo ta'u, Waashingitan DC'tti Yuunivarsiitii Howaard irraa eebbifameera.
Televiizhiyiiniirratti hojiilee adda addaarratti hirmaatus, bara 2013'tti ture kan baay'innaan beekamtii argate.
Bara 2018'tti Chaadwiik haasaa guyyaa eebbasaa godhuuf gara yuunivarsiitii deebi'ee ture.
"Muraasni keessan yuunivarsiitiirrattillee qabsaa'aa jirtu," jechuun namoota saba xixiqqoo bakkichatti argamaniif yaadasaa ibseera.
"Hedduun keessan asii baatanii dhaabbilee seenaa keessatti loogii fi hacuuccaa qaban galtu.
"Dhugaan isin yuunivarsiitii keessatti qabsaa'aa turtan mallattoo isin barnootaan addunyaa itti galaattanii jijjiiruu akka dandeettan mul'isuudha."