Fayyaa: Namni jalqabaa addunyaarratti onneen booyyee galfameef ji'a lama booda boqote

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MARYLAND SCHOOL OF MEDICINE
Hospitaalli biyya US lammiin biyyattii ji'a lama dura waldhaansa baqaqsanii yaaluun onneen sanyii booyyee fooyya'aa dhaabateef boqochuu beeksise.
Deeviid Baaneet kan dhukkuba onnee (terminal heart disease) waldhaansa baqaqsanii yaaluun onneen booyyee erga dhaabateef booda ji'a lamaaf lubbuun jiraachuu danda'ee ture.
Namni ganna 57 kun guyyaa kaleessaa lubbuun darbuu isaa dura guyyootaa baayyeef haalli fayyaa isaa akkaan hammaachaa akka dhufe dooktaroonni Baaltimoor isa hordofaa turan dubbataniiru.
Baaneet waldhaansi baqaqsanii yaaluu kun taasifamuun durayyuu rakkoo waldhaansi kun fiduu malu hubatee ture.
Dookataroonni gidduugala meedikaalaa Meerilaand qaama meedikaalaa US to'aturraa opireeshinii kana akka gaggeessan hayyama argatanii turan.
Hayyamichi kan argame ammoo Baneet onnee namaa argachuuf hiree waan hin qabneefi yaalii kanaan ala lubbuun kan hin turre ta'uu isaati.
Opireeshiniin onnee sanyii booyyee taasifamuufiin duras torbanoota jahaaf lubbuun akka turuu danda'u maashinaan deeggaramaa ture.
Namni kun Amajjii 7 waldhaansa kana erga argatee torbanoota itti aanan maatii wajjiin yeroo gaarii dabarsee manatti deebi'ee saree isaa Luusii arguu akka barbaadu himaa ture.
Atattamaan haalli fayyaa isaa hammaachuun garuu ogeeyyii fayyaa gaddisiiseera.
''Dhukkubsataa goota fi gaarummaa qabu hanga dhumaatti falmateedha'' jedhan hakiimni oppireeshinii Baartileey Giriifit.
Hakiimni kun ogeessa opireeshinii seenaa addunyaa keessatti isa jalqabaa ta'e Baaneetiif hojjetan yeroo ta'an ibsa hospitaalichi baase keessatti akkas jechuun isaanii gabaasame.
Ilmi nama ganna 57 kanaa Daaviid waldhaansi abbaa isaa kun ''jalqaba abdachiisaa malee dhuma mitii'' jechuu isaa AFP'n gabaaseera.
Itti dabaluunis ''yaalii seena qabeessa kana keessatti kalaqawwan hojjetaman, abjuuwwan sodaachisoo fi halkanoota hirriba malee darban hundaaf galata galchina'' jedhan.
Dr Giriifit sarjariin nama amma lubbuun darbeef hojjetame addunyaan hanqina qaama keessoo dhala namaa bakka buusuuf argaa jiru furuuf tarkaanfii tokko gara fuuladuraatti nu tarkaanfachiiseera jedhan.
Ammaan tana US keessatti guyyaa guyyaan namoonni 17 qaama keessoo isaaniif bakka bu'u osoo eeganii lubbuun darbu. Kumootni dhibbi ammoo dabaree arjoomtotaa eegu.
Amma dura vaalvii booyyee fayyadamuun baratamaafi milkaahaa dhufeera. Kan amma yaalamaa jiru qaama keessoo bineensotaa akka onnee guutuu isaa fayyadamuudha.














