Sa'udii Arabiyaan warra oduu hin mirkanoofne gadhiisan hidhaa buusuuf akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltonni Sa'udi Arabiyaa namni jettee jettee 'bu'uura hinqabne'' miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiise hidhaa waggaa shaniifi adabbii guddaan adabamuu mala jechuun akeekkachiisan.
Dubbiin kun sagantaan muuziqaa haqamnaan dubartoonni manatti yoo galan haleellaan saalaa irra gaheera oduun jedhu erga dhagahame boodadha.
Eegasii dubartoonni Sa'udii waan mudate barreessuuf sodaachuu BBC'tti himaniiru. Ministeerri Bashannanaa Sa'udii garuu barreeffama Tiwiitara gubbaa barreessaniin warra badiin raawwate jedhanitti qoosaniiru.
Konsartiin eegamaa tureefi baandii artistoota Kooriyaa Kibbaa Istireey Kiids jedhamaniin torban darbe Amajjii bultii 14 taasifamuuf ture haqameera. Kunis, qilleensaa cimaatiin.
Deeggartoonni artistoota kanaa bakka sagantaan kun qophaa'erraa manatti galuu rakkataniiru.
Eegasii gabaasaaleen dubartoonni badaniiru, akkasumas haleellaan saalaa irra gahe jedhu dhagahamuu eegale. Yoo xiqqaate onlaayinii gubbaa tasgabbii dhabuun ture.
Wanti ture garuu hanga yoonaa ifatti hin beekamu. Namoonni bakkas turre jedhan wanti akkanaa hin mudanne jechuun ibsu.
Hoogganaan Abbaa Taayitaa Bashannanaa Sa'udii, Turkii al-Sheyiik inni dubartoota irratti haleellaan saalaa raawwatameera jedhu waan hin jirredha jedhan.
Eegasii onlaayinii gubbaa gabaasota dubartoota irratti qoccollaan saalaa raawwate jedhuurratti qoosamuun eegale. Kanneen badiin raawwate jedhan Sa'udii Arabiyaa maqaa balleessuufi jedhame.
Dubartoonni hedduu BBC'tti dubbatan garuu wantoota gabaafaman keessaa muraasni raawwachuu himan. Ta'us, yaada kana deeggaruuf ragaan akka hin jirre waliigalu.
Garuu yaaddoon biraas jira. Dubartoonni kana dura bakka bashannanaatti dubartoota irratti qoccollaan saalaa raawwata jedhan kunneen kanneen taateen raawwata jira jedhanirra doorsisni irra gahuu himu.
Kunimmoo fuula duratti dubartoonni haleellaa saalaaf yoo saaxilaman ifatti akka hin baasne gochuu mala jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Akka isaan jedhanitti kan kana godhamuuf maqaa Sa'udii Arabiyaa dhihoo giddugala bashannanaa ta'aa jirtu miidha jedhamee waan yaadamuufi jechuun himu.














