Akeekkachiisa MI5 booda Chaayinaan siyaasa UK keessa seenuu haalte

Maxxanfame

Taajijjilli nageenyaa UK, MI5 jedhamu qondaalli Chaayinaa paarlamaa UK keessa seente jechuun erga akeekkachisee booda Chaayinaan siyaasa UK keessa seenuu haalte.

Dhaabbatti nageenyaa kun akka jedhetti, Kiristiin Ching Kuyi Lii, Paartii Komunistii Chaayinaaf, miseensota mana maree waliin “hariiroo hidhataa uumteetti.”

Sana booda miseensaa paarlaamaa paartii Lebarii Beerii Gardiner, kan paawondii 420,000 fudhate dabaltee, namoota siyaaaaf gumaacha kenniteetti jedhe.

Imbaasiin Chaayinaa Landan keessa jiru, MI5 hawaasa lammilee Chaayinaa UK keessa jiratanii “sobaan himachuu fi dorsisuun” himateera.

Ibsa marsariitii isa irratti maxxanseen, dubbi himaan imbaasichaa: “Chaayinaan yeroo hunda qajeelfama siyaasa keessa biyyootii biraa keessa seenuu dhiisuu ni hordofti” jedhaniiru.

“Paarlamaa biyya biraa kamuu keessatti nuti "dhiibbaa bituuf" fedhii hin qabnu, kana gochuus hin feenu. UK keessatti himata sobaa fi dorsiisa hawaasa Chaayinaa irratti ga’u ciminaan ni balaaleffanna.”

Akka akeekkachiisa MI5’tti, Adde Liin paarlamaa kan seente “hawaasa lammilee UK-Chaayinaa bakka bu’uu fi hirmaanna saboota adda addaa guddisuuf” akka ta’edha.

Tajaajilli MI5 garuu gochi kun kan taasifame “qindoomina dhokataa Dhabbata Tokkummaa Hojii- UFWD (kan paartii Komunnistii Chaayinaa ta’e) waliin ta’uun, fandii lammilee biyya biraa Chaayinaa fi Hoong Koong keessa jiraataniin taasifamedha,” jedha.

Dhabbati UFWD “qaamoolee gurguddoo” waliin “hariiroo uumuun” haalli siyaasaa UK akka CCP’f mijaataa ta’u taasisuu fi dhimma mirga namoomaa dabalatee, kanneen paartichaa irratti yaaddoo qaban falmuuf hojjachuun himatame.

Tajaajilli nageenya MI5 akka jedhutti, Aadde Lii “namoota siyaasa UK keessa jiran hedduu waliin hariiroo cima uumteetti,” kan akka gartuu amma diigameeru, Gartuu Paartii Paarlamaa Hundaa Chaayinoota Biriteen keesaa dabalateeti.

MI5 dabaluun Aadde Lii “gartuulee paarlaamaa hundeessuun, ageendaa CCP dhiibuuf yaalu dandeessa,” jechuun akeekkachiiseera.

Dubbi himtuun paarlaamaa Piritii Pateel, namni tokko kan “mootummaa Chaayinaa bakka b’uun beeka gocha gidduu seenuu hojjatu, miseensota paarlaamaa irratti xiyyeeffachuun isaanii baayyee kan nama yaaddessudha,” jetteetti.

Ta’us garuu UK’n “gidduu galummaa biyyootii alaa adda baasuuf” qajeelfamoota qabdi jetteetti.

Miseensi Paarlaamaa Gardineer, dhabbata seeraa Aadde Lii Kiritiin Lee & Co, jedhamurraa gumaacha argachuu kan eegale dhuma bara 2014 keessadha.

Gardineer waa’ee ishee irratti tajaajila nageenyaa keenya waliin waggootii dheeraaf hojjachaa tureera,” jedheera.

Qorattoonni isaaf ramadan eenyu akka ta’an irratti Aadde Liin homaa “ga’ee akka hin qabnee” fi gummachi taasifame hundi “seeraan gabaafamuu isaa himeera.

“Akka ilaalchakootti, maallaqi sun hojii ani paarlaamaa keessatti hojjadhuu foyyeessuuf kan kennamee fi kaffaltii qorattootaaf kano ole dha, mallaqni bu’aa dhuunfaakoof oole hin jiru,” jedhaniiru.