Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa’imni qorra Saayibeeriyaa keessatti gatamte lubbuun argamte
Daa’imni qorra Saayibeeriyaa -20C qabbanaa'u keessatti gatamuun lafaa argamte tokko fayyaa qabaachushee qondaalonni Raashiyaa beeksiisan.
Daa’ima reef dhalatte tokka dargaggootatu saanduuqa hanqaaquu keessatti ollaa Sosnoovkaa jedhamu kessatti gaafa Jimaataa arge.
Dargaggoota daa’ima kana argan keessaa tokko haadhasaa waliin hospitaala geessuun nagaa tahuushee mirkaneesse.
Poolisiin galmee qorannoo daa’ima ajjeesuu yaaluu jedhu banee haadha daa’ima kanaa barbaadaa jira.
Dargaggoota daa’ima kana argatan keessaa haati tokkoo daa’ima kana guddifachaan fudhachuu barbaadan illee, tarii firri daa’ma kana yoo ni argamu ta'e jedhamuun eegamaa jira.
Abbaan dargaggoota daa’ima kana argan keessaa kan tokkoo kan ta'an, Dimtrii Litviinoov gaazexaa Raashiyaa NGS’tti akka himaniitti, ijoolleen daa'iam tana arganis shan tahanii gaafa ayyaana Qillee Ortodoksii qilleensa fudhachuuf adeemaa turan jedhe.
‘’Guyyaan dukkanaa’ee gatii tureef ijoolleen ibsaa bilbila isaaniin daa’ima saanduuqa keessatti argan,’’ jedhan Mr Litvinoov.
Saanduqa keessatti waan uffata qorraa fakkatuufi qaruuraa waliin argamte jedhan.
Ilmisaanii Renat jedhamus, abbasaa Mr Litvinoov fi haadhasaa Anaa waamuun gara iddoo mucaa argataniitti erga dhaqaniin booda mucattii konkolaataan gara hospitaalaa magaalatiitti argamu akka geessan dubbata.
Daa’imni erga dhalattee guyyaa sadii hin caalu jedhamte kun qorra hamaa Saayibeeriyaa irraa hafti jedhanii hin yaanne ture jedheera.
Ibsi waajirri fayyaa naannichaa akka himutti, akkuma hosipitaala geesseen hakiimi ilaalee, harkaa fi miilashee sukkuumaa ho’a kennaaf ture.
Daa’imi qaamnishee diimatee argamte, fayya guutuu waan qabduufi gara hospitaala daa’immaniitti dabarfamuun kunuunsi dabalataa taasifmaaf jira.
Anaa fi hojjettoonni hospitaalaa baayyeen daa’imni fayyaa tahuushee gaafa baran akka bo’an dubbatti.
Maatiin Anaa fa’i ijoollee sadii qaban daa’ima kana guddifachaan fudhachuu barbaadu. Tahus maatiin daa’ima kanaa argamuu malu jechuun eegaa jiru.
Akka NGS gabaasetti yoo maatiin argamuu baatan guddifachaa warri fudhachuuf barbaadan jalqaba barnoota guddifachaa fudhachuun dura kennamu hordofuu qabu.