Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Himanni adda cituu fi dhiifamaan hidhaa bahuu ija seeraatiin
Mootummaan Itoophiyaa torbee darbe gaafa Jimaataa himata namoota siyaasaa Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqala Garbaafi Iskindir Naggaa akkasumas hogganoota TPLF duraanii addaan kutuun hidhaarraa gadhiiseera.
Minsitirri Ministeera Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos af-gaaffii Tajaajila Oduu Itoophiyaa waliin Dilbata darbe taasisaniin akka jedhanitti, hidhaa irraa hiikamuun namoota siyaasa kanaa ‘’dhiifama yookiin araaras miti.’’
Adeemsi seeraa dhiifamaa ykn araara kennuu akkamiin akka hojjetu yeroo ibsanis, dhiifamni (pardon) nama yakkisaa mirkanaa’ee adabbiin irratti murameef kan kennamu yoo tahu, boordii dhiifamaan erga dhiifamni kennameefi booda pireezidantii biyyattiin ragga’aa jedhan.
Amnesty (baraarsa) immoo namni tokko adabbiin osoo irratti hin muramiin dura yeroo himannaarra jirutti kan kennamuu danda’u akka tahe himaniiru.
Gama biraan ammoo hidhaa irraa hiikamuun namoota siyaasaa knanneenii adeemsaa seeraa ‘’himanni addaan cituun kan raawwatedha,’’ jedhaniiru.
‘’Mootummaan marii biyyaalessaa adeemsifamuuf jiru hirmaachisaa taasisuuf jecha himannaawwan lama, kan galmee Obbo Jawaar Mahaammadiifi kan Iskindir Naggaa jalatti qabame addaan akka citu taasifame,’’ jedhaniiru.
Kana malees himata galmee sadaffaa, ‘’hogganaa TPLF Dabratsiyoon Gabiramikaa’eel jalatti namoota shororkeessummaadhaan himatamanii turan keessaa ja’a kan gadhiifaman rakkoo fayyaa qabaachuufi dulluma keessa waan jiraniif,’’ jedhan.
Namoonni gadhiifaman kunneen miseensota koree hojii raawwachiiftuu TPLF keessa kan hinturre tahuu ibsuun kana boodas, ‘’ajaja waraanaafi siyaasaa yoo kennan himanni isaanii deebi’ee socho’uu mala,’’ jedhan.
Dabaluunis haala murtoon kun itti kenname yeroo ibsan, ’’sirna haqaa isa idileen qajeelfamurra haala qabatamaa Itoophiyaa irratti hundaa’uun hoji-maata haaromsaa ce’umsaaf tahutu barabaachisaa tahee argamee,’’ jedhaniiru.
Abukaatoon Obbo Jawaar Mahaammadiifi Baqqala Garbaa, Obbo Kadir Bulloo, ‘’himanni addaan kan citu yeroo abbaan alangee himata armaan dura bane ‘dhiise’ jedhee mana murtiitti dhiyeessee, haala irratti kan murtaa’uufi kan hin murtoofne jechuun yeroo himata kaasuudha,’’ jedhan.
Haa tahu malee, ‘’haalli amma mootummaan himata kana addaan itti kutee garuu adeemsa seeraa kana keessa hin seenu, sababiinsaa himanni kun dhumateera kan jechisiisu miti. Mootummaa aangoo himata kana sochoosuu ykn dhaabuu qaba jechuudha,’’ jedhaniiru.
Ministirri mummee Abiy Ahimad gama isaatiin, mootummaan namoota kunneeniif dhiifama kan godheef uummata isaan booda jiru kabajee akka ta'eefi namoonni kunneenis carraa argame kanatti sirnaan akka fayyadaman, ta'uu baannaan ''himata adda kutuu jechuun yakkarraa baraarsuu waan hin taaneef deebi'anii himatamuu danda'u,'' jechuun akeekkachiisuunii ni yaadatama.
Adeemsa seeraa idileetiin himanni sababa garaagaraatiin addaan cituu akka danda’u himu ogeessi seeraa Obbo Kadir.
Fakkeenyaaf, ‘’Namni himatame yoo du’u himannisaa addaa cituu danda’a, yoo himataan fedhiitiin himannaasaa kaasus addaan citus mala. Dabalataan yoo ragaan gahaa hin jiraanne hanga ragaan argamutti galmeeniyyuu cufamuu danda’a,’’ jedhan.
Hidhamtoonni ammaa adeemsi itti hiikaman kun garuu, ‘’adeemsi seeraa akkas jedhee sitti himu hin jiru, garuu mootummaan aangoo bulchiinsi isaaf kennurraa ka’ee tarkaanfii akkanaa fudhachuu danda’a,’’ jedhan.
Obbo Jawaar Mahammad fa’is yeroo hiikamanitti xalayaa isaaniif kenname irratti, ’’sababiin itti hiikaman akka hin ibsamnes quba qaba,’’ jedhan.
Qaamni nama tokko shakkee himate deebisee yeroo hiiku ‘’marii biyyaalessaafis tahe sababa biraan yoo hike jara hiikamaniif waan dhimma guddaa tahu miti,’’ jedhan.
Adeemsa seeraa hamma yoonaa tureenis manni murtii yakkamtoota jedhee gatii irratti hin murreef, ‘’mirgi namoota yakka hin dalagne ykn qulqulluu jedhamanii tilmaamamuun isaanii akkuma eegametti taha,’’ jedhaniiru.
Obbo Geediyoon, ‘’rakkoo biyyaalessaa furuufi dhaloota dhufutti akka hin darbine gochuuf, sirna haqaa dhiifama hin kenninerratti cichuurra marii taasisuu irratti xiyyeeffachuun murteessaa dha, ‘’ jedhan.