UStti barsiistuun ilmashee Kooviidin qabame 'kutaa konkolaataa meeshaan taa’u keessa uggurte'

Maxxanfame

Barsiistuun US magaalaa Teeksaas ilmashee Koovidiin qabame irraa of eeguuf jecha, kutaa konkolaataa meeshaan keessa taa’u keessa keessee itti cufte to’annoo jala oolte.

Saaraah Biim nama ganna 41 yoo taatu ilmashee balaaf saaxiluun himatamte.

Nama sagalee mucaa duuba konkolaataa keessaa dhagahetu poolisii itti waame.

Barsiistuun kunis ilmashee iddoo meeshaan taa’ee keessaa gadi baastee agarsiisteetti jedhameera.

Saaraan akka jettetti ilmishee ganna 13 koronaavaayirasiin qabamuusaa barraan qorannoo biraan mirkaneessuuf gara iddoo Pridgeon Stadium jedhamu geessaa turte.

Ilmashee kana kan iddoo meeshaan taa’uu keessa keesse akka Kooviid natti hin dabarsine jedheeni jette.

Hojjettuun fayyaa garuu hamma mucaan iddoo itti cufame keessaa bahee sirnaan teessoo konkolaataarra taa’uutti, qorannoo koronaa hin taasisu jechuu miidiyaan ABC waliin hidhata qabu gabaaseera.

Haati mucaa mana barnootaa Cypress Falls High School jedhamutti bara 2011 irraa qabee barsiisummaan hojjechaa akka jirtu miidiyaaleen naannoo gabaasaniiru.

Tarkaanfiin qorannoo erga fudhatamee booda haati mucaa kan qabamte yoo tahu, gurbaanis miidhamni irra hin geenye jedhe poolisiin.

Qondaallii Waajira Eegumsa Nageenyaa Uummataa Richaard Istaanifaayar, ‘’konkolaataan kuni konkolaataa biraatti otoo bu’ee mucaa kuni miidhamuu danda’a ture,’’ jedhan

''Namni gatii Koovidiin qabameef kutaa meeshaan taa’u yeroo kaa’amu takka dhagahee hin beekuu,’’ jedhan qondaalichi.