Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Miss Tourism Oromia’ dorgomee moo’achuun kiyya carraa hedduu naaf bane' - Halimaa Abdulshukur
Arsii Lixaa Dodolaatti dhalachuun Keeniyaatti guddachuu kan himtu shamarree Haliimaa Abdulshukur, Dorgommii bareedinaa komishiniin Turizimii Oromiyaa Fulbaana bara 2014 qopheessee ture irratti dorgomtoota ishee injifachuudhaan ‘Miss Tourism Oromia’ kan injifatte.
Dorgommii kana erga injifattee ji’oota afran darban kana keessa hojiilee hojjettee fi karoora fuuladuraaf qabdu ilaalchisuudhaan BBC waliin turtii taasifteen ‘Miss Tourism Oromia’ ta’uu kiyyaan carraawwan gaarii kanin itti argadhedha jetti.
“Dorgommii akkanaa fedhii qaban ture. Battalan beeksisa isaa miidiyaa haawaaasummaa irratti argeenin dhaqee galmaa’e. Dorgomichas nan moo’adhe. Ijoollee ciccimoo waliinan dorgomaa ture.”
“Wanti guddaan ani amma argadhe beekamtiidha. Kun ammoo namoota wajjin hariiroo akka uumtu sitaasisa. Hamileen namni namaaf kennus hojii caaluuf na kakaasaa jira. Waltajjiiwwan gurguddaa irrattin himaadha. Namoota jajjaboo wajjin akkan walbaruufis carraa naaf uumeera,” jetti.
Dorgommii kana erga injifatteen booda maatiifi hiriyoota isheerraa dinqisiifannaa guddaa akka argatteefi beekamtiin hawaasa biratti qabdu akka dabaleefis dubbatti.
Baareedduu Turizimii Oromiyaa ta’anii filaatamuun ambaasaaddara Tursizimii Oromiyaa ta’uu waan taa’eef ji’oota darban kanattis hojii hawwataalee Turizimii Oromiyaa beeksisuu irratti hojjechaa turuus himti.
“Waggaa tokkoof ambaasaddara turizimii Oromiyaati ani. Kana jechuun hojii Oromiyaa beeksisuutin hojjedha jechuudha. Magaala Finfinneetti sagantaaleen adda addaa yeroo jiru Komishinii wajjin ta’uudhaan qabeenya Oromiyaa beeksisna. Daawwaannaa bahuudhaan iddoowwan akka Gaarreen Baaalee, Dirredawaa, gaaraa Erer fa’a deemnee beeksisaa turre,” jetti.
Milkaa’inni amma argatteefi hojiileen karaa Komishinii Turizimii Oromiyaa waaliin ta’uun hojjechaa jirtu hojiilee fooyya’oo biroo hojjechuuf hamilee kan itti uume ta’uus himti.
“Tokkoffaa carraa argame kamiinuu, waggaa kana qofa osoo hin taaane fuuladuraaafis waltajjii argadhe irratti Oromiyaa beeksisuuf nan hojjedha.
Indastirii kana keessatti hojiilee mul’achuu dandahan hojjechuuf karooran qaba,” jetti Haliimaan.
Dorgommii injifattee Baareedduu Turizimii Oromiyaa kan bara 2014 kana erga injifatteen booda gaaffiin jaalalaa namootarraa dhihaatuuf dabaluus hin dhoksine Haliimaan.
“Dubartiin kamuu jaalalaaf gaafatamuun waanuma jirudha. Kankoos, sanarraa waan adda ta’e hin qabu. Garuu ergan dorgommii kana moo’adhee asitti gaaffiin jaalalaa naaf dhihaatu kan duraa caalaa dabaleera.
Wanti addaa dhiibbaa narratti fideera jedhu garuu hin jiru,” jechuun BBC’tti himte.
Haliimaan barnoota Fayyaa barachaa jirtuunis bara kana akka eebbifamtus himti.
Erga hundaa'ee reefuu waggaa tokko kan darbe Komiishiniin Turiizimii Oromiyaa hawwata Turizimii Oromiyaa beeksisuuf hojii gara garaa hojjechaa jira.
'Miss Toursim Oromia' kan Halimaa Abdulshukuriin dorgomtee mo'atte kunis hojii Komishinichaa keessaa isa tokkodha.