Walwaraansa Itoophiyaa: Naannoo Affaaritti dhaabbileen fayyaa 60 ol 'finciltoota TPLF’n mancaa'an'

Madda suuraa, AMHARA COMMUNICATION
Humnoonni TPLF naannoo Affaar keessa wayita turanitti dhaabbilee fayyaa 60 ol mancaasuu isaanii Itti gaafatamaan Biiroo Eegumsa Fayyaa naannichaa Obbo Yaasin Habiib himan.
‘’Hospitaalli tokko guutummaatti manca'e, dhaabbilee fayyaa 62 irras miidhaan qaqqabeera,’’ jedhan Obbo Yaasin.
Miidhaan qaqqabe kunis buufataalee fayyaa 17, hospitaala tokkoo fi kellaa fayyaa 42 irra yoo ta’u, miidhaan qaqqabe ijaarsi dhaabbilee fayyaa cabuufi saamicha qorichaa akka dabalatu Obbo Yaasin dubbatan.
‘’Sirna egumsa fayyaa naannoo keenyaa diiganii deeman. Miidhaan qaqqabe maallaqatti yeroo tilmaamamu birrii biliyoona tokko ta’a,’’ jedhan.
Dhaabbileen fayyaa deebi’anii hanga suphamanitti ogeeyyii fayyaa bakkaa bakkatti socho’anii wal’aanan erguun tajaajilaa akka jiran hubachiisan.
‘’Kana dura gartuuwwan 20 turre. Amma gartuu 5-10 dabalataan bakkaa bakkatti socho’anii deeggarsa yeroof kennan bobbaasneerra.
Iddoo gargaaruuf rakkisaa ta’etti gartuun dhaabbata gargaarsaa tokko gargaaraa jira,’’ jedhan.
Gartuuwwaan kunneen talaallii kennuufi deessisuu dabalatee, tajaajila wal’aansaa sadarkaa jalqabaa kennaa jiru jedhan.
Keessattuu, dhukkubsattoota gara buufataalee fayyaafi hospitaalatti dabarsuu keessatti qoodni isaanii guddaa ta’uu dabalanii himaniiru.
Haata’u malee, tajaajilli kun tajaajila idileen kennamu bakka bu’uu waan hin dandeenyeef rakkoo qaba jedhan.
Keessattuu Godina 2ffaa fi 4ffaa, akkasuma Godina shanaffaa iddoo jedhamanitti miidhaan dhaabbilee fayyaarra qaqqabe rakkoo jabduu hordofsiise jedhan.
Jiraattonni baadiyyaa yeroo dheeraaf yaala dhaban dhaabbileen fayyaa tajaajila kennu jedhanii yaadanii amma tajaajila wal’aansa dhabuu himan.
Sirna eegumsa fayyaa naannoo Affaaritti hundeessuufi meeshaalee wal’aansaa guutuun waggoota 20 akka fudhate eeruun, ‘’yeroo kana hunda ogeeyyiin dhama’aa turani, horsiisee bulaan dhaabbilee fayyaa dhaqee sirna ittiin gargaaramutu manca’e,’’ jedhan.
Buqqaatota magaalaa Cifraa jiran keessaa haati daa’ima lakkuu sadii ulfooftee turte ’’muka jalatti deesse,’’ jechuun Obbo Yaasin rakkoo hawaasicha mudate himan.
Naannichatti daa’imman hanqina soorataa cimaaf saaxilamuu itti dabaluun Obbo Yaasin eeraniiru.
Namoota qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’an hunda iddoo tokkotti argachuun rakkisaa ta’uu kaasan. Kunis rakkinicha itti walxaxaa taasise jedhan.
Namoota buqqa’anii dawoo keessa jiraniin alatti qaamolee hawaasaa hafaniif talaallii dhiyeessuun waan dadhabame adda cite jedhan.
‘’Qaamoleen deeggarsa kennan talaallii kennuuf yaalaa jiru, Innis ulfaataadha,’’ jedhan Aab Yaasin.
Gama biraatiin, dawaan ittifufinsaan argachuu dhukkubsattootni qaban keesssattu kanneen dhibee sukkaaraa, HIV-AIDS, dhibee sombaafi dhibeewwan biroo qorichi dhiyaatuuf addaan jalaa citeera jedhanii Obbo Yaasiin BBCtti himan.
‘’Dhukkubsattoonni kunneen baqataniiru. Isaan argachuuf ogeeyyiin ekisteenshinii fayyaa olii-gadi fiiganii barbaadaa jiru,’’ jechuun tattaaffii godhamu kaasan.
Dhaabbileen gargaarsaa muraasni isaan waliin hojjataa jiranillee, waraana naannichatti ka’e hordofuun naannicha gadhiisanii kanneen bahan jiru jedhan.
‘’Kanneen jiranis nageenya isaaniif yaaddoo waan qabaniif, humna qaban guutuun hojjataa hin jirani,’’ jechuun hanqinoota jiru himan.
Hospitaala manca’e tokkoofi buufataalee fayyaa shan deebisanii hojii eegalchiisuuf meeshaaleen barbaachisan ergamuu kan himan Obbo Yaasin, ogeeyyiin dhaabbilee fayyaa kana deebisanii suphan godinaalee shanitti bobbaafamuu himan.
Miidhaa qaqqabe waliin wayita wal bira madaalamu, sirna fayyaa miidhame deebisuuf yeroo hangamii akka fudhatu tilmaamuuf akka rakkatan Obbo Yaasin himaniiru.














