Meeksikootti konkolaataan fe'uumsaa garagalee yoo xiqqaate nama 53 ajjeese

Konkolaataa daandii cinatti

Madda suuraa, El La Mira/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa irraa akka mul'atutti konkolaataa guddaan daandiirraa namni baay'atu irratti garagaleera
Maxxanfame

Kibba Meeksikootti konkolaataan fe'uumsaa namoota baqattoota Jiddugaleessa Ameerikaarraa akka ta'an yaadamu fe'ee osoo kaatuu gargalee lubbuu namoota 53 olii galaafate.

Wayita konkolaataan kun gargalee riqichatti rukutamu, namootni 100 ol baqattoota jedhaman konkolaaticha keessatti walitti rukkanii ittiin deemaa tura.

Suuraawwan bakka konkolaatichi itti kufetti kaafaman, miidhamtoonni naannawa konkolaatichaa faca'anii agarsiisa.

Reeffi namootaas wanta adiin haguugamee mul'ata.

Balaan kun kutaa biyyaa Chiyappaas jedhamutti kan qaqqabe yoo ta'u, namootni 58 qaama miidhamaniiru, isaan keessaa tokko tokko akka malee miidhaman jedhu aanga'aan kutaa biyyichaa tokko.

Balaan kun Meeksikoo keessatti balaawwan tiraafikaa mudatan keessaa isa hamaadha jedhameera.

Kanneen miidhaman daa'imman, dubartootaa fi dhiirota yoo ta'an lammummaan isaanii hin mirkanoofne.

Haata'u malee aanga'ooti naannawa sanii namoonni midhaman hedduun biyyoota Hoonduraas fi Guwaatemaalaa irraati jedhu.

Konkolaatichi ariitiin fiigaa akka turee fi marfataa dhiphaa irra yoo gahu garagalee riqicha warra lafootti akka rukutame gabaafame.

Kutaan biyyaa Chiyappaas Guwaatemaalaa waliin ollaa yoo taatu, namoota seeraan ala gara Ameerikaa cehaniif, bakka itti haara galfatanii darbanidha.

Map
Presentational white space

Baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman hiyyummaa fi hokkora baqachuun biyyoota jiddugaleessa Ameerikaa irraa gara Ameerikaa godaanan Meeksikoo keessa qaxxaamuru.

Hedduun isaanii daddabarsitootaaf maallaqa kafalanii kan godaanan yoo ta'u, konkolaataa fe'uumsaa keessatti haala balaa qabuun walitti rukkanii fe'amuun karaa dheeraa deemu.

Daangaan Ameerikaa fi Meeksikoo ammoo addunyarratti daangaa qaxxaamuruuf isa hamaadha jedha Dhaabbati Baqattootaa Idil-addunyaa (IOM).

Bara kana qofa yoo xiqqaate namootni 650 ta'an osoo daangaa qaxxaamuruuf yaalanii lubbuu dhabaniiru akka IOM jedhutti.

Daangaa qofarratti osoo hin taane achi gahuuf imala godhamurrattis lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii baay'eedha garuu, san ragaa qabatamaa argachuun rakkisaadha jedhe.