Poolisiin Keeniyaa tokko haadha warraasaa dabalatee namoota jaha ajjeese

Maxxanfame

Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti poolisiin tokko namoota jaha dhukaasee erga ajjeese booda yerosuma ofis ajjeesuu poolisiin hime.

Poolisiin ajjeechaa raawwate Beenson Imbasii tahuu kan hime poolisiin, jalqaba haadha manaa isaa suuqii cufii mana galla erga jedheenii booda manatti dhukaasuun ishee ajjeese.

Sana booda qawwee AK-47 fudhatee bahuun namoota biroo shanitti dhukaasuun ajjeese jedhe poolisiin.

Ajjeechaa kana akka raawwatuuf sababni maal akka tahe poolisiin hin himne. Poolisichi namoota shanan kan ajjeesee ofii lubbuu isaa baase magaalaa Naayiroobii ala naannoo Kabete jedhamutti akka tahe poolisiin himeera.

Poolisin kun haadha warraa isaa kan ajjeese Kibxata ganama barii yoo tahu sana booda ammoo lubbuu isaa dabalatee kan namoota jahaa balleesse.

Poolisiin sababa haleella kana dhaqqabsiiseef qorataa jira.

''Poolisichi ...bakka dhukaase sana gahuun namoota doqdoqqee oofan lama dabalatee namoota shan ajjeese.

Namni doqdoqqee oofu tokko rukutamee mana yaalaa galuun achitti du'e,'' jedhe poolisiin gabaasa isaa keessatti.

Firaansisi Wahoomee, hogganaan waajira poolisii kutaa bulchiinsa Dagoretii balaan kun raawwachuu mirkaneessuun garuu odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Namootni naannoo haleellaan kun raawate jiran aaruun gommaa konkolaataa daandiitti baasuun abiddatti qabsiisanii haleellicha balaaleffataa turan.

Bara 2010 naannoo Si'akago jedhamu, Naayiroobii irraa Km 120 fagaattee argamtu keessatti poolisiin tokko akkasuma dhukaasuun namoota kudhan ajjeesee ture.

Isaan keessaa namootni lama poolisoota isa waliin hojjetan turan.

Yeroo balaan kun dhaqqabe poolisichi ofis ajjeesuuf jedhee rasaasni jalaa dhumnaan akka harkasaa poolisiitti kennate dubbii himaan poolisii yeroo sanaa ibsanii ture.