US haleellaan misaa'eelii/diroonii Riyaaditti mudachuu mala jechuun akeekkachiifte

Maxxanfame

US Isteet Dippaartimantittii Dhiimmoonni Qontsiilaa gabaasaaleen haleellaa miisaa'eelii ykn diroonii Riiyaadiitti raawwatamuu mala jechuun akeekkachiise.

Imbaasiin Ameerikaa Riyaaditti argamu Wiixata galgala akka beeksisetti, haleellaa mudachuu mala jedhe kanaan walqabtee, lammiileen tarkaanfiiwwan fudhachuu qabu jedhe tarreesseera.

Haaluma kanaan lammiileen wayita sagalee dho'insa guddaa dhaga'anitti ykn sagaleen akeekkachiiftuu (sirens) wayita dhagahamutti battalumaan bakka dahoo qabu akka barbaaddataniif hubachiiseera.

Akkasumas, waiyata taateen jedhame kun mudatutti mana ykn gamoo keessaa kan jiran yoo ta'e, gara gulantaa gadiitti bu'uun bakka keenyaan foddaafi karaarraa fagaachuun akka turan gaafateera ibsi kun.

Lammiilee wayita haleellichi mudatutti ala kan jiran yoo ta'e ammoo atattamaan gara dahoo cimaatti akka baqataniif hubachiiseera. Kun yoo kan hindanda'amne ta'e ammoo, yeroo dhohinisicha dhagahaniitti lafa ciisanii harkasaanitiin akka mataasaanii qabatan hubachiiseera.

Imbaasichi ibsa isaa kanaan, tarii misaa'eeliin ykn dirooniin jedhame kun qollachuun yoo danda'amelleen, cacabaansaa balaa uumuu akka danda'u akeekkachiiseera.

Kanaaf, erga haleellaan jedhame kun raawwatameen boodalleen, bakka haleellaan mudaterraa fagaachuun qajeelfama mootummaatiifi oduuwwan gurguddoo akka hordofaniif gaafateera.

Ameerikaan baatii Waxabajjii irraa kaasuun lammiileen ishee gara Sa'udiitti akka hin imalleef akkeekachiisa sadarkaa 4 kan sadarkaa olanaadha jedhame baaste jrti.

Kanaafis dhukkuba Covid-19 fi yaaddoo haleellaa misaa'eeliifi diroonii garee dhaabbiilee siiviilii irratti raawwatamuu mala sodaa jedhuun akka ta'e akeekkachiisni kun eereera.

Haleellaan dirooniifi misaa'eelii kun ni raawwatamu jedhamee kan yaadamu, Iraaniifi garee milishootaa Iraaniin deegaraman kan akka warra Huutisiin akka ta'e US ibsite jirti.