Eriik Zemoor: Kaadhimamaan pirezidantii Firaans duula jalqabaa gaggeesseen hiriirtotaan miidhaan irra gahe
Kaadhimamaan pirezidantii Firaans kan garee siyaasaa warra leellistummaan beekamanii (Far-right) Eriik Zemoor duula yeroo jalqabaaf gaggeessuuf bahe keessatti hiriirtotaan haleelame.
Kaadhimamaan pireziantii Firaans kun hiriirtoota keessaa namni tokko utaalee morma qabuun asiifi achi bubbutuun miidhaa irraan gahe.
Kaadhimamaan pirezidantii umuriin isaa waggaa 63 ta'e kun osoo ummata hedduu wal muddee jiruu keessa dhiibee gara waltajjiitti bahaa jiruu ture, namni tokko morma qabee bute.
Kun kan ta'e hanga qondaalonni nageenya gidduu seenanitti ture.
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasanitti, mudhii isaarra miidhaan waan gaheef doktaroonni isaa boqonnaa guyyoota sagalii akka fudhatuuf ajajeera.
Eriik Zemoor kanaan dura gaazexeessaafi xiinxalaa beekamaa kan ture yoo ta'u, dhimmoota akka godaantotaafi Waraana Addunyaa Lammaffoo ilaalchisuun yaadawwan falmisiisoo ta'an kaasuun beekama.
Eriik Zemoor shakkii torbanootaaf tureen booda filannoo pirezidaantummaa Firaans bara 2022 keessa gaggeeffamurratti kaadhimamaa ta'ee akka dhiyaatu Kibxata darbe ifatti beeksise.
Taateen Eriik Zemoor irrattti haleelame kun walitti bu'iinsawwan hedduu qophii Dilbata galgalaa kaaba-baha Paarisitti qophaa'erratti mudatan keessaa tokko ture.
Namoonni 10,000 hiriira kana irratti akka hirmaatan himamaa jira.
Mormitoonni kuma hedduutti lakkaa'aman ammoo garee siyaasaa warra leellistootaa jedhaman kana mormuun guutummaa biyyattii keessatti hiriira kan bahan sagantaa ture irratti mormii dhageessisuun kanneen qaama nageenyaan hidhamanis jiru.
Eriik Zemoor akkuma qaqqabeen ture bakka namoonni baayyatanii jiran keessaan goree gara waltajjiitti darbuuf osoo jedhuu kan haleelame.
Dubbi himaan paartii isaa gaazexeaa Le Figaro jedhamutti himannaa akka banuuf jiran himan. Kana malees, dubbi himaan kun "cimina" Eriik Zemoor jajataniiru.

Madda suuraa, EPA
Taatee isa mudate kanaan booda kaadhimamaan kun waltajjiitti ba'uun haasaa taasisuu itti fufaniiru.
Akkuma inni waltajjiirratti haasaa taasisuu jalqabeenis, deeggartoonni isaa teessuma kaasuun mormitoota T-Shartii dhaadannoo farra sanyummaa qabu uffatanitti daddarbatan.
"Yoo ani filannoo kana mo'adhe, callisaa aangoo marsaa biraan walitti dabarsuu qofa hin ta'u. Biyyattii guddoo kana addunyaarratti bakka isheef malutti deebisuudha malee," jechuun dubbate.















