Waraana Tigraa: Bakkawwan to'annoo mootummaa jala galanitti sa'aatiin itti socho'an daangeffame

Madda suuraa, Government Communication/fb
Waraana Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun bakkawwan humnoota mootummaa jala galanitti sa'aatiin itti socho'uun hayyamamu daangeffamuu isaa Iiziin Labsii Yeroo Muddamaa Guutummaatti To'atu beeksise.
Iiziin kun akka jedhetti, to'annoo TPLF jala turanii amma ammoo to'annoo humnoota mootummaa jala bakkeewwan galan keessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatu gochuuf, akkasumas nageenya ummataafi qabeenyaaf eegumsa taasisuuf jecha yeroo hin murtoofneef kan turu sa'aatiin itti socho'uun hayyamamu daangeffameera.
Iiziin Labsii Yeroo Muamaa To'atu kun bakkeewwan baay'een to'annoo humnoota mootummaa jala galuu ibsuu isaa hordofee Roobii galgala Mudde 01, 2021 akka beeksisetti, bakkeewwan kanneenitti sa'aatiin sochii galgala sa'aatii 12:00 hanga barii sa'aatii 12:00tti qofa akka ta'uuf daangeffameera.
Daangeffamuu sa'aatii socho'uun hayyamamu qaamoleen nageenyaa bakkeewwan kunneen jiran hawaasaaf akka beeksisaniifi hojiirra oolmaa isaas akka horofan itti-gaafatamummaan itti kennameera.
Iiziin kun itti dabaluun, bakkeewwan to'annoo mootummaa jala galan keessatti koreen waloo bulchiinsa sivilii humnoota nageenyaafi mootummaa naannichaatiin ramadamu akka hundaa'uufis ajaja dabarseera.
Koreen kun badii humnoonni TPLF dhaabbilee mootummaa, qabeenya dhuunfaafi misoomaalee bu'uuraarra geessisan, akkasumas ragaaleen miidhaa namoomaafi mancaatii meeshaaleerra gahan agarsiisan akka hin badneef akka eeganiif, sirnaanis akka galmeessan, ragaawwanis akka qindeessan" akkasumas qaamoleen haqaas ragaawwan walitti qabuudhaan qaama ilaallatutti akka kennaniif ajajameera.
Labsii yeroo muddamaa kana hojiirra oolchuudhaaf qajeelfamoonni bahan barbaachisaa ta'ee argamnaan guutummaa biyyattii keessatti ykn kutaaleen biyyattii murtaa'an keessatti sa'aatii ittiin socho'uun hayyamamu daangaa'aa kaa'uuf aangoo ni qaba.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru hammaachaa dhufuu hordofee jalqaba ji'a Sadaasaa irraa kaasee labsiin yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu ji'oota ja'aaf tura.
Labsii yeroo muddamaa kana kan hordofuufi raawwachiisu ammoo 'Qajeelcha Iizii Labsii Yeroo Mudamaati'. Iiziin kun Itaamaajor Shuumii Waraana Waliigalaatiin kan durfamu yoo ta'u, qaamoleen gara garaa dabalachuun itti waamamni isaa ministira muummeetiif akka ta'e ibsameera.
Waraanni waggaa tokkoo ol lakkoofsise kun Tigraay irra darbee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti kan baballate yommuu ta'u, torban darberraa kaasee mootummaan bakkeewwan finciltootaan qabamanii turan gadhiisisuuf duula qindaawaa gaggeessaa jira.
Magaalaa seena qabeettii Laaliibelaa, akkasumas bakkeewwan murteessoo ta'an naannoo Affaariifi Amaaraa keessatti argaman akka Cifiraafi Gaashanaa dabalatee bakkeewwan hedduu humnoonni mootummaa to'achuu isaanii Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksisuun isaa ni yaadatama.
Odeesaalee biroo waraana Kaaba Itoophiyaa ilaallatan:
- Wal-shakkii waraanni Kaaba Itoophiyaa uumee fi aarsaa kaffalame
- Humnoonni mootummaa magaalaa seena qabeettii Laalibalaa to'achuu himan
- Dhaabbanni Twitter sagalee deeggartoota Itoophiyaa qajeelfamasaa cabsan haquu mirkaneesse
- Yuunivarsitiin Gondar Doktora kabajaa Dr Illeeniif kennee ture haqe
- 'Daawwannaan kiyya deeggarsa Chaayinaan mootummaa Itoophiyaaf qabdu agarsiisa' -Waang Yii
- MM Abiy gara adda waraanaa duuluun 'dogoggoraan hubatame'
- MM Abiy hidhattoonni TPLF waliin hiriiran hundi harka akka kennataniif waamicha dhiyeessan


















