Jenaraalli UAE gochaa dararaatiin himatamu pirezidaantii Interpol ta'uun filatame

Janaraal Ahmad Naasir al Raayisi filannichaan booda wayita yaa'ii irratti haasaa taasisan, Tarkii - Isaanbuiitti Sadaasa 25, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Janraal Raayisii kan himannicha waakkatu gahee kanfaltiin hin qabne kana waggaa afuriif tajaajila
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Janaraalli Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dararaa raawwatamu deeggaruun himatame, eejansii Pooliisii idil-addunyaa Intarpooliif pirezidaantii ta'uun filatame.

Ministeera dhimma biyya keessaa UAEtti Inspeektara waliigalaa kan ta'e Ahmad Naasir al-Raayisi, waggoota afur dhufaniif kanfaltii malee tajaajilu.

Gareewwan mirga namoomaaf falman garuu himannaawwan dararaa humnootii nageenyaa UAEn raawwatamuuf dhiyaatan akka qoratamaniif hin taasifne jechuun kaadhimamummaa isaarratti komii dhiyeessanii ture.

Haata'u malee Janaraal Raayisi himannicha ni waakkata.

Ministeerri Dhimma Alaa UAE, ''gochaawwan dararaa ykn haala malee miidhaa qaqqabsiisuu poolisootaa cimsee akka mormuufi hin obsinee amana,'' jedha.

Janaraalli kunis erga yaa'ii waligalaa ejansiichaa Tarkii- Isaanbuul keessatti gaggeeffame irratti biyyoota miseensootaatiin marsaa sadiin sagaleen kennameen booda pirezidaantii taasifamuun filatame.

Gaheen isaas walgahiiwwan koree hojii raawwachiiftuu kan hojii Barreessaa Olaanaa Jurgen Istook to'atu hogganuu dabalata. Mr Istook qondaala hojii guyyaa guyyaa Intarpool to'atudha.

Janaraal Raayisis ''iftoomiina, sab-daneessummaa fi dhaabbata caalaa hunda hammataa hundaaf nageenya mirkanneessuutti pirezidaantii taasifamee filatamusaatti ''ulfinni'' itti dhagahamuu karaa toora tiwiitaraatiin barreessan.

Ibsa biraatiin ammoo, UAEn ''bakka nageenya qabdu addunyaa kanaa'' fi biyyoonni Arabaa Galoo Galaanaa ''riijinoota addunyaa baayyee rakkisaa ta'an keeessatti jijjirama gaarii fiduuf humna baayyee barbaachisaa'' ta'usaanii himeera.

Haata'u malee gareen mirgaaf falmu Humaan Raayitis Woochiitti qorattuun Hibaa Zaayaadin, ''mirgoota namoomaa fi olaantummaa seeraa addunyaatiif guyyaa gaddisiisaa'' jettee jirti. Janaraalichaanis bakka bu'aa mootummaa abbaa irree galoo galaanaa keessaa jechuun ibsite.

Ogeessa akkaadaamii lammii Biritish Maatiiw Hedgees kan hidhaa sobaa fi dararama bara 2018tti UAE keessatti dabarse keessaa, Janaraal Raa'isii fi qondaaloonni biyyattii kan biraa sadii harka qabaachuu himuun, mana murtii Olaanaa Landan keessatti beenyaaf himannaa banees akkasuma filannicha balaaleeffataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Abbootiin seeraa Jidduugala Mirga Namoomaa Galoo Galaanaa bakka bu'uun hojjatanis, Janaraal Raayisi irratti Faransaayi fi Tarkii keesssatti himannaa idilee bananii turan.

Gareen kunis Janaraal Raayisi himannaawwan hidhaa seeraan alaa fi dararama mirga namoomaa baayyee beekamaa ta'e Ahmad Maansuur irratti UAE keessatti hidhaman irratti raawwatameef himatu.

Mahaammad bara 2017 hidhamuun booda miidiyaa hawaasaa biyyattii irratti ''maqaa balleessuudhaan'' hidhaan waggaa 10 itti murtaa'e.