Talaalliin beeyladootaa daangaa qaxxaamuru Booranatti kennamuu eegale

Maxxanfame

Daangaa Keeniyaafi Itoophiyaatti dhibeewwan daddarboo beeyladootaa ittisuuf sagantaan talaallii daangaa maleessaa talaallii marroo lammataa kennuu eegale.

Sagantaan kun gama Itoophiyaan godina Booranaa aanaalee Mooyyaaleefi godina Kibba Oomoo aanaa Hamar keessatti kan eegalame yeroo ta'u itti aansuun ammoo gama Keeniyaan raawwatama.

Ministeerri Qonnaa akka jedhutti bu'aan misooma beeyladaa bu'aqabeessa kan ta'u nageenya beeyladootaa mirkaneessuunidha.

Ministeera Qonnaa Itoophiyaatti gorsaan deetaa Ministira qabeenya beeladaafi qurxummii Dr. Yohaannis Girmaa duulli talaallii daangaa qaxxaamuruu dhibeewwan beeladaa afur irratti akka xiyyeefate BBC tti himaniiru.

Waliigaltee mootummaa Keeniyaa wajjiin godhameen dhibeewwan hoolotaafi re'oota miidhan lamaafi dhibeewwan looniifi gaala miidhan irrattii ta'uu himan.

Duulli kun bara 2019 kan eegale ture yeroo ta'u sababa weerara Koronaan adda citee amma deebi'ee eegale.

''Tarii nuti bineeldota gama Keeniyaan jiran qofa talaallee yoo dhiifne yookaan gama sanaanis akkasuma yoo godhan tamsa'ina dhibeewwan kanaa to'achuu hin dandeenyu,'' jedhu Dr. Yohaannis.

Sababni kanaa ammoo bineeldotni kun daangaa biyyoota lamaanii qaxxaamuruunis kan socho'an ta'uu isaati.

Waliigalteen akka kanaa Keeniyaa qofa waliin osoo hin taane Jabuutii, Somaaliyaa fi Sudaan waliinis kan raawwate akka ta'es himan.

Duula walfakkaataa amma dura gaggeefamee turerra bineeldota hedduu talaaluuf karoorfamuus himaniiru.

''Dhibeewwan hedduun bifa weeraraanis ta'e karaa biraa yeroon itti ka'an jiru. Isa irratti hundeefneeti dhalachuu isaaniin dura ittisuurratti xiyyeeffannee kan eegalle.''

Amma kutaalee horsiisee bulaa biyyoota lamaanii hongeen hamaan mudachuu horfee sochiin jiraatus dhibeen mul'achaa akka hin jirres dubbataniiru.

Ministeerichi daangaa biyyoota waliigaltee waliin raawwatetti beeladoota hanga miiliyoona 5.4 karoorfateera.

Qorannoo Ejensiin Istaatistiiksii gidduugaleessaa qorannoo bara kana gaggeesseen Itoophiyaan horii gaanfaa miiliyoona 61 qabdi. Dabalataanis re'oota miiliyoona 40, hoolota miiliyoona 50 fi gaala miiliyoona saddeet qabdi.

Beeladootni horsiisee bultootni qaban dhibee fi haala qilleensaa badaa kan dandamachuu danda'aniidha.

Haata'u malee bu'a qabeessuummaan isaanii gad-aanaadha jedha Ministeerri Qonnaa. Kana furuudhaafis gosa bineeldotaa bu'a qabeessummaa guddoo akka kennan gochuuf hojjechaa akka jirus ibseera.

''Gidduugala godina Booranaa jirutti gosa Booranaa baayyisuun, fooyyessuun hojjetamaa jira. Yeroo lakkoofsi isaanii dabalu ammoo hawaasa naannichaaf akka raabsaman ni godhama. Gara horsiisee bultoota biyyattii biroottis akka qaqqabu ta'a'' jedhu Dr. Yohaannis.

Talaalliin naannolee daangaarratti eegale beeladoota guutuu biyyattii keessa jiraniifi ni kennamaa jedhaniiru.

Dhibeewwan kunniin suuta badaa yeroo deeman ''dorgomtummaan gabaa addunyaa keessatti qabnu ni dabala'' jedhan.

''Dhibeewwan kun Itoophiyaa keessa jiru jedhamee yoo yaadame omisha keenya omtuu hin bitu. Ykn lakkoofsi isaa ni hir'isa. Keessumaa biyyoo guddatan hedduun dhibeewwan kana balleessuu waan dand'aniif fayyadamtoota ta'aniiru. Nuti dhibeewwan kana balleessuu waan hin dandeenyeef gabaa Awurooppaa fi Eeshiyaa qaqqabuu hin dandeenye.''

Talaalliin kun fayidaa akka biyyatti qabuun dabalataan horsiisee bultootnisbineeldota isaaniirraa fayidaa olaanaa akka argatan gargaara.