Bulee Horaatti Poolisoonni maqaa sakatta'a labsii muddamaan hanna raawwatan hidhaan adabaman

Maxxanfame

Naannoo Oromiyaa magaalaa Bulee Horaatti miseensonni poolisii iitisa riphee lolaarratti hojjetan lama mana nama dhuunfaatii warqee hatan hidhaafi maallaqaan adabaman.

Poolisoonni Raggaasaa Halakeefi Edemaa Jaarsoo jedhaman Sadaasa 07/2014 ture godina Guji Lixaa magaala Bulee Horaa keessatti maqaa sakatta'iinsa labsii yeroo muddamaatiin mana Obbo Geetuu Abarraa kan deeman jedhan qondaalli aanichaa.

Itoophiyaan torban lama dura ture ''balaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyatti irratti aggaamame ittisuuf'' labsii yeroo muuddamaa ji'a jahaaf turu kan labsite.

Labsiin kun aangoo dabalataa humnoota nageenyaaf kenna.

"Miseensa poolisii ta'anii hidhannoo guutuun socho'aa turan,'' jedhan Itti gaafatamaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Bulee Horaa Obbo Araarsoo Badhaaso.

''Bu'uuruma seeraatiin sakkatta'iinsa erga eegalanii booda meeshaalee miidhaginaa miidhamtuu dhuunfaa Aadde Buzunash Zimmuu jedhamtu: warqee mormaa tokko, warqee harkaa lama, qubeelaa warqee lama, warqee gurraa sadiifi warqee mormaa ciccitaa biroo waliin waliigala warqee 11 kiisa keessa kaa'an" jedhan.

Tilmaamni warqee miseensoonni poolisii lamaan fudhatanis qarshii 169,200 (birrii Kuma dhibba tokkofi kuma jaatamii sagalfi dhibba lama) akka ta'e Obbo Araarsoon himaniiru.

Miseensoonni poolisii riphee lolaa lamaan warqee miidhamtuu dhuunfaa erga fudhatanii booda gara Waajjira Poolisii Magaala Bule Horaatti imalan.

Miidhamtuun qabeenyi isaanii mana akka hin jirre akkuma baraniin gara waajjira poolisii magaalichaatti deemuun akka iyyatan Obbo Araarsoon himaniiru.

"Waajjira poolisii dhuftee iyyatte. Poolisootnis mana sana eenyutu sakkatta'e kan jedhu erga baranii booda isaan ta'uu baranii gara kutaa qorannootti waamanii bakkuma nuti jirrutti sakkatta'iinsi gaggeeffamee (warqeen) keessatti argame," jedhan.

Himannaafi murtee…

Miseensoonni poolisii miidhamtuu dhuunfaa jalaa warqee hatan qorannoon erga irratti taasifamee booda guyyuma dheengaddaa Sadaasa 07/2014 himanni irratti hundaa'e.

"Himannaan saaqamee ragaaniis dhagahamee himatamtootniis 'ragaa ittisaa hinqabnu' jedhan. Bu'uuruma himannaa keenyaatiin amanan" jedhan Obbo Araarsoon.

Abbaan Alangaas himatamtoonni aangoo hojiif itti kenname seeraan ala fayyadamuu isaaniifi yakkicha gareedhaan raawwachuun isaanii akka yaada adabbii cimsanitti akka qabamuuf gaafatamuu himan.

Himatamtoonni kanaan dura yakka raawwatanii kan hin beekne ta'uun immoo akka yaada adabbii salphisutti qabameefii jira jechuun himaniiru.

Manni Murtii Aanaa Bulee Horaas dhaddacha kaleessa Sadaasa 08/2014 ooleen himatamtoonni tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa sadii fi ji'a sadii akkasumas birrii 5,000 akka adabaman murteessee jira.

Taateen kun dhimma uummatafi mootummaa walirraa fageessu ta'uu kan himan itti gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa aanaa Bulee Horaa Obbo Araarsoo Badhaasoo, dhimmichi wanta uummatnifi qaamni seera raawwachiisu irraa baratu akka ta'e abdii qaban himaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa dura eegale ammallee osoo hin dhaabatiin jira. Qaamoleen rakkoon kuni mariin akka furamu yaalii taasisuu itti fufaniiru.