Sooddoo hanga Mishigaan – imala gumaacha fayyaa sammuu Maajii Haaylemaariyaam (PhD)

Maajii Haylemaariyaam (PhD)

Madda suuraa, Maajii Haylemaariyaam (PhD)

Maxxanfame

Maajii Haaylemaariyaam (PhD) bara 2016tti Itoophiyaa irraa gara Ameerikaa erga deemtee booda, magaloota Niiw Yoork, Waashingitan DC fi Filaadelfiyaa keessa turteetti. Sana booda bakka amma jiraattu Mishiganitti imalte.

Dr. Maajiin kan dhalatte ammoo Sooddoo, Itoophiyaattidha.

Imala ishee kanaan kan hubattee wa’ee bifa Ameerikaa danuu hin dubbatamnedha. Gabaasa oduu ykn fiilmii irratti wanti yeroo hedduu mul’atu wa’ee hiyyummaa namoota gurraachaafi magaalaadha qofadha. Hiyyummaan garuu halluu hin qabu. Daangaas hin qabu.

Dr Maajiin dhugaa kana agarte.

Rakkoo hawaasa kanaa furuuf yeroo hojjatutti garuu akkamiin dubartiin gurraattiifi baqattuu taate hojii akkanaa hojjitti gaffii jedhu kanneen gaafatan jiru turan.

“Gurraattii yoo taate baqqattuudha, gurraattii yoo taate biyyikee rakkeaattee jennaan Ameerikaa dhufte malee, nama as jiru gargaaruun isaan qixxee akka hojjattuu yaaduu hin barbaadan.”

Yunivarsitii Mishigaanitti gargaartuu piroofesarii ta’uun tajaajilti. Fayyaan xiinsammuu xiyyeeffannoo ishee isa ijoodha. Qorannoowwan dubartoota, hidhamtootaafi namoota gargaarsa barbaadan irratta xiyyeeffatan qabdi.

Itoophiyaafi Ameerikaa keessatti namoota tajaajilli seeraan isaan hin geenye gargaaruu irratti ni hojjatti.

Rakkoleee Itoophiyaa keessa jiraniifi kanneen Ameerikaa keessa jiran jidduu garaagarummaan bal’aa jiraatus, biyya kamittu lammileen tajaajilli (hawaasummaa siyaasaafi dinaagdee) isaan hin geenyee, rakkoon isaan qunnamuu walfakkaataadha.

“Hojii ani Itoophiyaa keessatti hojedhe, hojiin Ameerikaa keessatti hojjadhuuf na qopheesseera,” kan jettu kanaafidha.

Koorniyaafi galiin irratti hundaa’uun tajaajila fayyaa xinsammuu

Taajilli fayyaa naannolee baadiyyaa Itoophiyaa namoota jiraniif ga’u kanneen magaalaa jiran waliin yemmuu madaalamu irra xiqqaataadha. Fayyaa xiinsammuu yemmuu ta’u ammoo kanarra baayyee kan xiqqaatedha.

Dr Maajiin waggootii saddeet dura Afrikaa Kibbaatti qorannoon isheen hojjette, koorniyaafi galii irratti hunda’uun tajaajila xiinsammuu jiru irratti kan xiyyeeffatedha.

Ishee dabalatee barattoonni digirii sadaffaa 10 piroojektii ‘Piraayim’ jedhamu jala turan.

Kaayyoon piroojektii kanaa dursatti wiirtulee fayyaa keessatti wal’aansi xiinsammuu akka jiraatu taasisuudha.

Adeemsa keessa hojii Dr Maajiitiin wirtulee fayyaa keessatti wal’aansi xiinsammuu akka jiraatu taasiseera.

“ Yeroo ammaa hospitaalotni sadarkaa jalqabaa hedduun tajaajila fayyaa xiinsammuu kennaa jiru.

Waggaa saddeettan har’aa yeroo hojii kana eegalu haala ture waliin yoo ilaaltu, waantoonni sirraa’aa jiru. Ammayyuu garuu baayyeetu hafa,” jetti.

Dhimma fayyaa xiinsammuu irratti ilaalchi dogoggoraa jitu, baasii wal’aansaa kaffaluu dadhabuu, rakkooleen imalaafi biroo ni mul’atu.

Gaffiin Dr Maajii kaastu biraan dhiirootiifi dubartooti qixxee wiirtuu fayyaa deemanii ni wal’aanamuu? Harka qalleeyyiifi sorreeyyiinoo…kan jedhudha.

Rakkoon inni biraan namootni hedduun wal’aansa eegalanii waan addan kutaniifidha. Kanaaf, sababa kan ta’e ammoo dhibeen xiinsammuu akka dhibeewwan biroo gargaaarsa waan hin arganneef.

Dhibaamtonni dhibee xiinsammuu hedduun gara wal’aansaa akka hin deemneefi wal’aansa yoo egalanis akka addaan kutan qorrannoon ishee ni mul’isa.

“Namni takkaatti wal’aanamee, qoricha argatee fayyuu barbaada malee yeroo dheeraaf wiirtulee wal’aansaa hin deemu. Namoota wal’aansi yeroo dheeraa isaan barbaachisu adeemsi deeggaru hin jiru.”

Dr Maajiin kanaaf furmaata kan ta’u wiirtulee fayyaa keessatti wal’aansa xiinsammuu hundeessuu qofa osoo hin taanee, yeroofi baasii wal’aansi xiinsammuu gaafatu irratti hundaa’uun adeemsa biyyaaleessa hundeessuudha.

Maajii Haylemaariyaam (PhD)

Madda suuraa, Maajii Haylemaariyaam (PhD)

Itoophiyaa keessatti dhibee xiinsammuuf yeroo dheeraaf wal’aansa argachuun kan danda’amu, Hospitaala Dhibee Sammuu Amaanu’eelitti qofa ta’uunsaa qaawwaa uumeera.

“Furmaatni isaa wal’aansa naannoo jiranitti akka argatan taasisuudha. Karaa kanaan dafanii ni wal’aanamu, jireenyii isaanii ni fooyyaa’a, hojiis hojjachuu ni danda’u,” jechuun ibsiti.

Sarara bilbilaa bilasaa

Dr Maajiin oggeessotaa biroo waliin ta’uun sararri bilbilaa ‘Hotline for ET’ jedhamu akka hundeeffamuuf mallattoo waliti qabuu eegalteetti.

Lakkoofsi bilbilaa 952 odeeffannoo fayyaa bilisaan kan kennuu ta’us, wal’aansi xiinsammuu sarara bilbilaa of danda’e qabaachuu akka qabu himti.

“Namni of ajjeesuuf yaadu bilbilee sararri inni hasoofsiisuu danda’uu hin jiru. Namni jeequmsi sammuu yemmuu irra ga’u, yemmuu gaaffii qabaatu, oggeessa argachuu yemmuu dhabu, sarara bilbilaa bilisaan gargaarsa kennu isa barbaachisa.”

Kana dhugoomsuu Ethio Tele waliin haasaarra jiru.

Namni xiinsammuun isaa jeeqame yoo 952 irratti bilbile kallattiin nama isa gargaaruu argata malee “tokko xuqi, lama xuqi” filannoowwan jedhu dhiyeessuu hin qabu.

“Namni jeequmsa xiinsammuu keessa jiru, akka nama mana gubaataa jiru keessa jirudha. Filannoowwan osoo hin taanee gargaarsa kallattiin argachuu qaba,” jechuun filannoowwan akkanaa maaliif akka hin barbaachisne ibsiteetti.

Digirii jalqabaa ishee Falaasamaan, digirii lammataa ammoo Hojii Hawaasaa [Social Work] kan hojjeette Dr Maajii, qorannoo gaggeessuuf gara Hospitaala Amaanu’eel erga imaltee booda “Itoophiyaa keessatti rakkoo faayyaa xiinsammuu irratti jiru ifatti arge’ jechuun sana booda hojii ishee hunda fayyaa xiinsammuu irratti xiyyeeffachuun itti fufte.

Karoorri eegeree Dr Maajii, hawaasa tajaajila hin argannee Itoophiyaafi Ameerikaa keessa jiran gargaaruu akka ta’e ni himti