Pirezidantiin Firaans Maakiroon MM Awustiraaliyaa na sobeera jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Moriisan akka isa sobe gaazexeessitootatti hime.
Gaazexeessaan, "Moriisan kan si soba sitti fakkaataa?" jechuun Pireziant Maakirooniin wayita gaafatutti, "fakkaataa osoo hin taane ana sobeera malee," jechuun deebii jajjabduu deebise.
Dippilomaasiin biyyoota lamaan gidduu jiru kan gufate erga Awustiraaliyaan doonii waraanaa baayyee ammayyaa galaana keessa deemtu Niiwukilaraan sochootu qabachuuf jecha waliigaltee Firaans waliin qabaachaa turte haqxee fuula ishee gara Ameerikaatti naanneffatteen boodadha.
Pirezidant Maakiroon biyyi isaa Firaans waliigalteen dolaara biliyoona 37 Awustiraaliyaa waliin qabdu haquun ishee baayyee isa aarseera.
Waliigalteen kun Firaans Awustiraaliyaatiif dooniiwwan waraanaa galaana keessa deeman 12 akka ijaartuuf kan jedhu ture.
Haata'u malee, Awustiraaliyaan waligaltee cimaa kana dhiistee waliigaltee haaraa Ameerikaafi UK waliin mallatteessite. Waliigaltee sadee kun gabaajee Aukus jedhuun waamama.
Awustiraaliyaan waliigaltee Firaans waliin qabdu haquun ishee dheekkamsa guddaa kan uume yoo ta'u, ministirri dhimma alaa Firaans gocha kana, waan akka "namuma jaallataniin billaatiin karaa duubaa waraanamuudha," jechuun ibse.
Waliigaltichi diigamuu isaa hordofees Firaans ambaasaaddarootasee Ameerikaafi Awustiraaliyaa jiran akka waamtu taasisee ture.
Joo Baayidan erga atakaaroon kun dhalateen booda yeroo jalqabaatiif Jimaata darbe Maakirooniin qaamaan argee waliin kan dubbate yoo ta'u, wanta uumameefis dhiifama gaafateera.
Awustiraaliyaan dooniin waraanaa galaana keessa deemu niiwukilaraan socho'u kan ishee barbaachiseefis olaantummaa Chaayinaan naannawaa sanarratti qabdu yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufuu isaatiifidha.
Addunyaa irratti biyyoonni doonii waaraanaa galaana keessa deemtu baayyee ammayyaa ta'an qaban 6 qofadha.
















