Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mucaan ganna 14, daa’ima ganna 5 ajjeessuun himatame
Ingilaanditti reeffii daa’ima ganna shanii laga keessatti erga argamee booda, mucaan ganna 14, ajjeechaa isaan himatame.
Mucaan Loogaan Miwaangi ykn Loogan Wiiliyaamsan jedhamuun beekamuu, reeffi isaa Adoleessa 31 irratti Laga Ogmoore, Biridgeend jiru keessatti argame.
Mucaan, sababa umurii isaan eenyummaan isaa hin himamne kun, mana murtii Kaardiiffitti dhiyaate.
Ajjechaa Looganiin wal qabatee harmeen isaa fi abbaan buddeenaa isaa akkasumas mucaan ganna 14 kun mana murtiitti dhiyaataniiru.
Abbaan buddeenaa isaa Joon Kool, ganna 39, ajjeechaan himatameera.
Joon fi harmeen Loogan, Angaraad Wiiliyaamson, ganna 30, lamaan isaaniiyyuu hojii haqaa guffachiisuunis himatamaniiru.
Du’a Loogan booda, jiraatttonni naannichaa yaadannoo isaaf, laga reeffi isaa argame cinatti, abaaboo, ashaangulliitii fi kaardii adda addaa ka’aniiru.
Daa’immaan Loogan waliin daree tokko keessatti barachaa turan, Loogan daa’ima tapha jaallattuu akka ture ibsaanii turani.