Naayijeeriyaa: Nashiidaa gadhiifameen kanneen aaran mana nashiidaa dhiheesse guban

Maxxanfame

Kaaba Naayijeeriyaatti nashiidaan bahe hawaasa musliimaa gidduu mormii kaase jennaan namichi nashiidicha dhiheesse of dhokse.

Kanneen nashiidaa isaatiin komii isaanii dhiheeffatan immoo hordoftoota garee amantaa musliimaa Sunniiti.

Mormitoonni waajjira muummee poolisii Islaamaa Hisbaah jedhamuufi magaalaa Kaaba Naayijeeriyaa Kaano keessatti hiriira bahaniiru.

Kunneenis nama maqaan isaa Yahayyaa Shariif - Aminuu irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafataniiru.

Nashidaan Yaahiyyaan gadhiise garuu hunda hin komachiisne.

Hordoftoonni 'Tijaaniyaa Musliim Biraazarhuud' jedhaman rakkoo homaatu hin qabu jedhaniiru.

Haa ta'u malee, musliimonni Sunnii nashiidaan kuni amantii musliimaan ala jechuun mufachuu isaanii ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, nashiidaan kuni imaamii mana amantaa tokkoo Nabiyyuu Mohaammad caalaa galateeffata jedhan.

Sababa kanaan xumura torban darbe manni faarfataa kanaa gubateera.

Kana booda, poolisiin Islaamaa namoonni seera akka hin cabsine dhaameera.

Akka isaan jedhanitti poolisi Naayijeeriyaa waliin ta'un namicha nashiidaa kana dhiheesse barbaadaa jiru.