Hin argu, hin dhagahu, hin dubbatu garuu waa hunda hojjeta: Dargaggoo Natsaannat
Maxxanfame
Magaalaa Bishooftuu keessa kan jiraatu dargaggeessi ganna 28 Natsaannat Asaffaa, hanga waggaa 10 guututti qaamaa guutuufi fayya qabeessa ture.
Dargaggoon kun qaro-dhabeessa, dhagahuufi dubbachuu hin danda'u garuu gundoo hodhuun jiraata.
Waggoota 18 dura guyyaa tokko mana barumsaarraa gara manaatti yeroo deebi'aa jiru akka tasaa karaarratti kufe. Kufaatiin isaa guyyaa sanaa garuu jireenyasaa kallattii biraa kan qabsiise ture.
Haati isaa Aadde Warqii Hayiluu turtii BBC waliin taasisaniin, mucaan isaanii kan ganna 10 ture yeroo mana barumsaatii galu karaarratti kufee yeroo waamamanii bira gahan waan ture akkanatti yaadatu.


