Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaafaar Mitikkuu: Barataan 'siyaasaan' yunivarsiitii Finfinneerraa ari'ame, waggaa 20 booda qabxii olaanaan eebbifame
A.L.I Bara 1996 barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfiinnee mormii dhageessisuu isaaniif ar'iaman 300 ol keessa tokko kan ta'e obbo Jaafaar Mitikkuu waggaa 20 booda barnoota isaa xumure.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Jimmaa Arjootti maatii qonnaan bulaa irraa dhalatee kan guddate Jaafaar Mitikkuu, namoota qaroo A.L.I bara 1994 Yunivaarsiitii Finfinnee galuu danda'an keessaati.
Haata'u malee barnoota isaa xumuree eebbaaf waggaan tokko yeroo hafu, bara 1996'tti teessoon naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinneerraa gara magaala Adaamaatti akka jijjiiramu murtaahuu hordofee mormii dhalateen barnoota irraa ittifame.
Jaafaar Mitikkuu barattoota Yunivarsiitiin Finfinnee barnoota irraa ittise 300 ol ta'an keessa tokko yoo ta'u, sababa saniin qabsoo Oromootti makamuun waggoota 20 darbaniif ''baddaa fi gammoojjii'' biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa bu'aa bahii arguu BBC'tti himeera.
Waggoota 20 haala akkamiin dabarse?
Jaafaar Mitikkuu turtii BBC waliin taasiseen barnoota isaarraa ar'amuu hordofee ''waggoota 20 darban qabsoo Oromoo bayyanachiisuuf baddaa fi gammoojii biyyoota Afrikaa keessan dabarsee'' jedha.
''Bara san guutummaa Oromiyaa keessatti mormiitu ture. Haqa Oromoon Finfinneerraa qabu haaluudhaaf mootummaan bara uummata irratti daba hojjete mormuudhaan warri guutummaa guutuutti ar'imne dhibba sadiif way taana.''
Barattootni kun gargar faca'anii kaan biyya ormaatti kooluugaltummaa gaafatani jiru, gariin jireenya dhuunfaa qajeelfatanii jiru kan jedhu Jaafaar, ofii qabsoo Oromootti makamuu himeera.
''Qabsoo Kibba Itoophiyaa fi Kaaba Keeniyaa keessatti gaggeeffamaa ture keessan ture, waldhibdee bara 2008 dhalateen ammoo gara Sudaan Kibbaatti ce'e'' jedha.
Sudaan Kibbaa keessatti walitti bu'iinsa sabaa dhalate baqatee gara naannoo Gaambeellaa akka gales Jaafaar himeera.
Qabsoo qalamaa gaggeessaa turan dhiisuun hidhannoon mootummaa san loluuf WBO'tti kan makame Jaafaar bara 2008 keessa ''qaama jijjiirama barbaaduufi hin barbaanne'' jidduutti waldhibdee uumameerraa kan ka'e yeroo qabsaa'onni iddoo lama sadiitti qoodamanitti gara Somaaliyaatti baqachuu hima.
''Achii boodas Naayiroobiin deeme. Naayiroobii Ji'a jaha ergan taa'ee booda ammoo gara Sudaan Kibbaan deeme. Qabsoo sabaa bayyanachiisuuf aarsaa guddatu kaffalame. Akka barbaadamutti adeemuu hin dandeenye. Rakkoo tokko tokkotu ture'' jedha.
Boodas jireenya idilee jiraachuuf gara Sudaan Kibbaa imaluu san boodas gara Gaambeellaatti ce'uu dubbata.
''Gara waggaa 11 Gambeellaa fi Sudaan Kibbaan ture'' jedha.
Dantaa sabaaf gaafa jiraattu dhiibamuu tuffatamuufi rakkooleen biroon jiru kan jedhu Jaafaar, itti amanee waan itti galeef gaabbii akka hin qabne himeera.
Dantaa sabaaf jecha fedha barnootaa fi guddinaa aarsaa godhee waggaa 20 booda milkeessuu danda'uu isaatti gammachuu akka qabus himeera.
Jaafaar Koolleejjii dhunfaa naannoo Gaambeellaa keessatti argamurraa gosa barnootaa Fayyaa Hawaasaan torbee darbe yeroo eebbifamu qabxii olaanaa galmeessuu isaatiin badhaafamaa meedaaliyaa ta'uudhaani.
''Hojii humnaa hojjechaa ofiin of barsiisee barnootan dhabe san qajeelfadhee akka hiriyoota koo ta'uutti'' nan gammada jedha.
''Bara ari'amne wayyaalaa sammuu hin qabne nuun jedhan'' kan jedhu Jaafaar, ani ''meedaaliyaadhaaniin eebbifame bara kana. Kanaaf sammuu qabaachuu keenya sanuu uummataaf kan dabarsinee laannu ta'uuf ragaadha'' jedha.
''Barnootan saba kanaaf jedhee wareegama itti kaffale namni itti na deebisellee hin jiru, namni na gaafatellee dhibuun akka dhuunfaatti dhaabatanii of laaluun barbaachisaadha'' jechuunis bu'aa bahii keessa darbe himeera.
''Jijjiiramni amma namni irraa dubbatu akka salphaatti hin dhufne, dhiigatu itti dhangala'e, lafeetu itti cabe'' jechuunis yaadateera.
Ammallee bilisummaa maatii isaa dhaqee dubbisuu akka hin qabne kan himu Jaafaar, maatiin walarguuf garuu hiree biraa argatee milkaahina isaa kanaan gammachuu isaanii arguu himeera.
''Jaratu dhfee na ilaala male ani dhaqee hin dubbisu. Haalli amma jirus dansaa miti'' jedheera.
Oogummaa ittiin eebbifameen hawaasa tajaajilaa dheebuu barnootaa ammallee hin baane ittiin jedhu guutuun karoora isaa fuuladuraa ta'uu Jaafaara dabalee himeera.