Daa’imni ganna 2 harmeesaa walagahii Zoom irra turte rasaasaan rukutee ajjeesnaan, abbaan to’annoo jala oole

Maxxanfame

Ameerikaa, Filooridaa keessatti daa’imni ganna lamaa harmee isaa rasaasaan erga rukutee ajjeesee booda, abbaan to’annoo jala oolee himatame.

Daa’imni umuriinsaa waggaa 2 tahe kun, shugguxii abbaasaa Voondre Eevirii korojoo ijoollee keessatti argatee, utuu harmeen isaa Shamaayaa Liin karaa viidiyoo interneetaan (Zoom) walga’iirra jirtuu dhukaasee ajjeesuu isaa poolisiin ibseera.

Eevirii, ganna 22, ajjeechaa fi meeshaa waraanaa seeraan kaa’uu dhabuun himatame.

Gabaasi mana murtii akka mul’isutti Eeviriin ammatti abukaatoo hin qabu.

Himata irratti dhiyaate kanaan hidhaan hanga wagga 15 irratti murtaa’uu danda’a. Dabalataanis Eeviriin adabbii maallaqaa doolara 10,000 fi wagga 15 biraaf daangaan akka irraa kaa’amuun adabamuu danda’a.

Akka poolisiin Altamonte Springs jedhutti, shugguxiin kun of eeggannoo malee korojoo ijoollee keessa ka’amee, kutaa ciisichaa jaalalleewwan kanaa keessa lafarratti dhiifamee ture.

Daa’imni kun shugguxii kana fuudhee harmee isaa duuba dhabbattee rasaasa tokkittii itti dhukaase.

Gocha Hagayya 11 raawwate kana kan jalqaba qamoolee nageenyaaf bilbiluun beeksise, Waayela Liin viidiyoo Zoom irra turte tokkodha. Sagalee dhukaasaa dhaga’uu ishee fi Liin gara duubaatti kufuu ishee ture kan himte.

Yeroo Eeviriin manatti deebi’e, jaalalleen isaa lafatti kuftee utuu dhiigduu argate. Poolisiif bilbilee, ogeessota fayyaatiin “adaraa dafaa kottaa” jedhee gaafachuu isaa gaazexaan Orlandoo Sentineel gabaaseera.

Bilbilaan yeroo haasa’u kanatti, reefu manatti akka deebi’ee fi maal akka uumame akka hin beekne himeera. Hanga ogeessoti fayyaa ga’anitti, lubbuu ishee olchuuf yaaluun wal’aansa CPR yeroo kennuuf ni dhaga’ama ture.

Ogeessoti fayyaa wal’aansa jalqabaa kennan, dubartii ganna 21 kana olchuuf yaalanis, achumatti lubbuun ishee darbeera.

“Gochi keenya bu’aa qaba,” jechuun qondaalli poolisii Altamonte Springs, Roberto Ruwiiz, Kibxata gazexeessitootatti himeera.

“Akka nama meeshaa waraanaa qabutti, meeshaa waraanaa kana seeraan ol kaa’uuf itti gaafatamummaa qabda.”

Ijoolleen isaanii lamaan, kan yeroo gochi kun uumame mana turan, miidhaan irra ga’e hin jiru. Lamaan isaanii amma miseensota maatii isaanii bira jiru.

Eeviriin Sadaasa 23 deebi’ee mana murtiitti dhiyaata.