Mukaa'uu dahumsaan booda: 'Yeroon harma hoosisu, miira daa'ima kee foddaan darbadhu jedhutu natti dhagahama'
Maxxanfame
Haadhummaan gammachuun kan guutameefi qaama jireenya dubartii tokkoo murteessaa tahe dha. Haa tahu malee biyyoota guddataa jiran keessatti deessuuwwan shan keessaa tokko dhukkubni mukaa'uu dahumsaan boodaa (postpartum depression) isaan mudata.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, dubartoonni biyyoota Arabaa sababii kanaan dubartoota loogiin irra gahuu keessaati. Dhiibbaan kunimmoo ogeeyyii fayyaa irraa yaalii akka hin arganne isaan ittisa.