Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy muudama aangoo mootummaa olaanoo kennan
Ministrrii Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad har'a muudama aanga'oota mootummaa olaanaa dabalataan kennan.
Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa ja'affaa walgahii isaa waggaa tokkooffaa kora addaa Roobii kaleessaa taasifateen, miseensoota kaabinee 22 kanneen Ministirri Muummee Abiy Ahimadiin dhiyaatan raggaasisuun isaa ni yaadatama.
Har'a ammoo sadarkaalee itti-gaafamummaa mootummaa olaanoo ta'an irratti aanga'oota muuduusaanii odeeffannoon waajjira isaanii irraa argame ni mul'isa.
Haaluma kanaan Dr Injinar Silashii Baqqalaa kan kanaan dura Ministira Bishaan, Jallisiifi Inarjii turan amma sadarkaa Ministiraatti Gorsaafi Mari'ataa Olaanaa Dhimmoota Lageen Daangaa Qaxxaamuraniifi Hidha Abbayyaa gochuun muudama kennan.
Obbo Tasfaayee Beeljigee kan duraan itti-gaadatamaa waajjira Badhaadhina damee Finfinnee turan amma sadarkaa Ministiraatiin, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti itti waamamaa mootummaa ta'uun muudaman.
Kana malees, Obbo Adam Faaraah kan duraan Af-yaa'ii duraanii Mana Maree Federeeshiinii turan amma Qindeessaa Olaanaa Jidduugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii gochuun muudaman.
Dr Laggasaa Tulluu ammoo sadarkaa Ministiraatiin Itti-gaafatamaa Tajaajila Komunikeshinii Mootummaa ta'uun muudamu ibsi waajjira MM toora tiwitaraatiin qoode ni mul'isa.
Kana malees, Dr Mihirat Dabbabaa pirezidaantii Akaadaamii Ogummaa Oggansa Afriikaa, Obbo Fisihaa Yitaagesuu ammoo Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Korporeshinii Birodkaastii Itoophiyaa (EBC) fi Obboo Abduraahimaan Ruubee, Itti-aanaa Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Korporeshiinii Biroodikaastii Itoophiyaa (EBC) ta'uun muudamaniiru..