Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Ingiliiz kaleen kg 35 ulfaatu wallaansa baqaqsanii yaaluun baaheef
Namtichi jiraataa biyya Ingiliz ta'e kun kaleewwan isaa lamaan garmalee guddaa ta'usaanitiin wal qabatee akka keessaa bahan taasifamuu hakiimoonni himan.
Gaheessa umuriin waggaa 54 ta'e Waaran Hiigsi waliigalatti ulfaatiin kiilograama 35 kan qaban kaleewaan isaa lama wallaansa baqaqsanii yaaluutiin akka bahan taasifameera.
Namtichi kaleensaa haala hin baramneen garmalee guddaa ta'usaanitiif riikardii galmee addunyaa qabateera jedhame.
Namni abbaa mucaa tokkoofi dhukkubni kalee Poolisiistik jedhamuun qabame kun, ''karaa kamiinuu yoo safaramu'' nama kalee guddaa qabu waan ta'eef riikardii galmee addunyaa akka cabsuu hakiimoonni dubbachuutu himame.
Garaa garummaan hamma garaa isaarraa ''ajjaa'iba'' jedhan.
Lammiin Ingiliiz Wiindisor irraa dhufe Hiigsan kaleensaa mirgaa guddichi kiiloo giraama 15 kan madaaluu yoo ta'u, dabalataan dhagala'aan kiiloo 5 ulfaatu irra ture jedhameera.
Duraan addunyaarratti kalee guddaa kan qabuufi Indiyaatti wallaansa baqaqsanii wallaanuutiin kan baafamee kiiloo giraama 7.4 kan ulfaatudha.
''Hakimiin wallaansa baqaqasanii yaaluu hundumaa mirkaneessee ture. Nutis eeyyeen safartuu hundaanuu riikadiichi fooyyeessineera,'' jedheera.
"Yoo dheerinnisaa safaramuutti, dhagala'aa qabate waliin yoo safaramuufi erga dhangala'aan keessaa baafameen boodas fooyyeesseera riikardiicha,'' kan jedhu namtichi kun, ''kun garuu waanan ittiin boonu miti,'' jedha.
Peekedii kalee keessatti qabduuwwan dhangala'aan guutaman xixiqqoon akka umaman taasisa.
Dhibbee kalee sanyiidhaan darbuu kalee nama kanaa waggoota shanii dura dachaa shan caalaan akka guddatu gochu hakimoonni dubbatan.
Kaleewwan isaa gara malee guddatanis somba, garaa fi onneessaa garmalee miidhuu waan eegalaniif, wallaansi baqaqsanii yaaluu ''lubbuu oolchuu'' taasisuun barbaachisaa akka ta'e itti himamu Hiigsi beeksiseera.
Erga baatii Adoleessaa keessa wallaansi taasifameefiin boodas garaa isaa irratti jijjiramni guddaan jiraachu hima.
Ammattii sochii ispoortii gochuutti kan deebii'e yoo ta'u, bara dhufaa ammoo dorgommii bisikileetii irratti hirmaachuf karoora qabaachu hima.
Oggeessii eerreegaa duraanii kunis guyyaa lama lamaan kalee miicisiisuun miidhaa olaanaa irraan gahuu kaaseera.
''Wallaansa kalee dhiqisiisu keessa darbuun hangami cimaa akka ta'e ibsuu hindanda'u,'' jedha.
Bara ittaanuutti wallaansa kalee bakka buufachuu taasifachuuf abdataa jira.